Daa’imman qirqiduun kofalsiisuun faayidaa moo miidhaa qaba?

Daa’imman dabalatee namni hunduu yeroo qirqidamu ni kolfa. Haa ta’u malee namni hedduun qirqiddaan sun itti tollaan miti kan kolfu.Osoo qirqidamuun namatti tollaan/gammachiisnaan kolfama ta’ee namni hunduu gammaduuf of qirqidee kolfaa oolaa ture.Namni tokko yeroo nama biraan qirqidamu malee ofiin of qirqidee hinkolfu.


Bara durii biyyaa chaayinaatti namoota yakka dalagan sa’aatii dheeraa qirqiduun akka adabbii seeraa keessaa tures jedhama.dukkubbii waan qabuuf!.Haala sammuu keessaa bakka dhimmi kun ilaallatu itti ergaa qirqiddaa gogaa irraa dhufuuf deebii itti kennutu adda malee qirqidamanii kolfuun akkuma yeroo waa nama hooqsisu hooqqachuu bifa itti qaamni keenya waa ittiin ofirraa ittisudha.


Daa’imman hanga umurii ji’a ja’aatti tuttuqqaa adda addaafii qirqiddaa adda baasanii hin beekan waan ta’eef yeroo qirqidamanii hinkolfan.ji’a ja’aa booda dandeettiin isaanii dabalaa deemuun tuttuqqaa adda biraaf qirqiddaa waan adda baasaa deemaniif yeroo kana hedduu kolfuu eegalu.Akka walii galaatti daa’imman qirqidanii kofalchiisuun daa’ima sana hingammachiisu.


Akkasumas akka nama guddaa waanta kana jibbuu isaa jechaan “nadhiisi” jedhanii waan hinibsanneef aariif/jibba guddaan kolfuun booda qilleensa fudhachuuf baasuu rakkachuu danda’u. kanaaf qirqidamanii kolfuun daa’immanii gammachuu miti waanta’eef maatiin kana gochuu dhiisuun karaa adda addaa biroo haasofsiisanii kofalchiisuu qabu!


Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *