Aadde Yimmenyush Mitikkuu: Haadha ijoollee afurii ilma isaanii dorgomanii yunivarsiitii seenan

”Kutaa kudhan osoon baradhuun barnootakoo jaaladhu irraa warrikoo nama hin beeknetti dirqama na heerumsiisan.

”Tahus barumsa akka malee waan jalaadhuufan erga ijoolleekoo barsiifadhee ofiikoo mana barumsaatti deebi’ee amma carraa yunivarsiitii argadhe,” jedhu barattuun ganna 47 Aadde Yimmenyush Mitikkuu.

Haadha ijoollee afurii yoo tahan, bara kana qormaata seensa yunvarsiitii kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii gaarii argatanii Yunvarsiitii Wallaggaa seenaniiru.

Mucaa isaanii isa sadaffaa waliin kutaa 10 irraa jalqabanii daree tokko taa’uun wal dorgomaa barataa turan. Erga mana barumsaatii deebi’aniis halkan taa’anii waliin qayyabataa bulu.

Qormaata kutaa kudhanaffaa Aadde Yimmenyush qabxii 3.7 yoo fidan, ilmi isaanii Dachaasaan ammoo qabxii 3.9 fiduun gara qophaa’inaatti darban.

Kun A.L.I tti bara 2011 yoo tahu sadarkaa qophaa’inattis haatii fi ilmi daree tokko keessa waluma cinaa taa’anii barataa turan.

Ijoolleen dubaraa jalqabaa lamaan Aadde Yimmenyush yeroo sana yuunvarsiitii irraa xumuraniiru. Amma haatii fi ilmi barnootaan wal dorgomaa jiru.

Jaalalli aadde Yimmenyush barnootaaf qaban addadha. ”Barnoota baay’een jaaladha, miira akkamii akkan qabuyyuu ibsuu hin danda’u.

”Dur ijoollummaakootti yeroon kutaa tokkoo hanga torbaatti barataa ture sadarkaa shan ol darbee bahee hin beeku,” jedhan.

Bara kana dargaggoonni baay’een baratanii carraa hojii dhabanii taa’aa jiru. Adde Yimmenyush ammoo maaliif erga umuriin isaanii deeme barachuu barbaadan? BBC waliin turtii taasisan keessatti waan keessa darban heddu kaasaniiru.

‘Kutaa kudhan keessaa dirqamaan na heerumsisan’

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti dhalatanii kan guddatan Aadde Yimmenyush Mitikkuu bara 1976 ture kutaa tokko galuun kan barachuu jalqaban.

Barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa mana barumsaa Boolloo Garjeejaa jedhamu aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti argamutti baratan.

”Barnoota baay’een jaaladha, miira akkamii akkan qabuyyuu ibsuu hin danda’u. Dur ijoollummaakootti yeroon kutaa tokkoo hanga torbaatti barataa ture sadarkaa shan ol darbee bahee hin beeku,” jedhan.

Bara 1983 mootummaan Dargi kufnaan qormaatni biyyaalessaa kutaa 8 fudhachuuf qophii irra turan jalaa darbuu kan himan Aadde Yimmenyush gara baadiyyaatti deebi’uun maatii isaanii qonnaa gargaaraa turuu himan.

Akka ammaa kana bilbilli harkaa waan hin jirreef odeeffannoo argachuun rakkisaa ture.

”Guyyaa tokko yoom akka qormaatni kennamu gaafachuuf gara mana barumsaa yoon deemu qormaatni kutaa saddeettaffaa gaafa waxabajji 28 bara 1983 akka kenname natti himan. Baay’ee gaddeen boohaa manatti gale.”

Ammas irra deebiin galmaa’anii barumsa eeggatanis sababa rakkoo yeroo sana tureen osoo hin jalqabiin turuun hanga bara 1987’tti mana turuu himan.

Booda 1987 qormaata biyyaalessaa kutaa saddeetii qoramuun gara magaalaa Naqamtee deemanii kutaa sagal barachuu eegalan. Garuu tasa waan isaan hin eegne kan abjuu isaanii karaatti jalaa hanbisu mudate.

”Intala keessan mucaa keenyaaf kennaa gaaffiin jedhu maatiikoof dhufe. Maatiin koos osoon barnootakoo jaaladhuu tole jedhanii na heerumsiisan. Barumsakoo dhabuukootti baay’een gadde” jedhan.

”Anaaf innis wal hin beeknu. Maatii keenyatu wal beeka. Innis na hin beeku. Loltuu Dargii waan tureef yeroo inni qe’eetti deebi’u maatii isaatu akka inni fuudhuuf warrakoo gaafatan. Hojiis hin qabu ture,” jechuun waan dabarsan yaadatu.

Harmee ganna 47'tti yunivarsiitii seenan
Ibsa waa’ee suuraa,Amma yunivarsiitii keessatti barattoonnis ta’e barsiisonni umriin isaanii anaa gadi jedhu

Kanumaan osoo hin jaalatiin dirqamaan heerumanii Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti qonnaan jireenya isaanii itti fufan. Abbaan warraa isaaniis akka Aadde Yimmenyush akka baratan ni jaalatu. Garuu mucaan jalqabaa waan dhalatteef guddisuuf dirqaman.

”Namni hanga of danda’utti heerumni gaarii miti jedheen amana. Nan jibbayyuu ture. Erguman heerumeeyyuu biyya eessattan badee barachuu danda’a jedheen yaada ture,” jechuu miira isaanii yeroo sanaa himan.

Bara 1994 ture abbaan warraa isaanii muuxannoo loltummaa waan qabaniif carraa hojii waardiyaa tahuu argachuun aanaa ollaa isaanii jirtu Nuunnuu Qumbaa kan deeman.

Inni achii deddeebi’ee nu dubbisa ture. Animmoo qonna qotaan jiraachaa turre. Booda walumaan Aanaa Nuunnuu gallee achitti ijoollee barsiisuu jalqabne,” jedhan.

‘Fulbaanatti yeroo ijoolleen galmaa’an yooman baradha jedhee hawwaan ture’

Jaalalli Aadde Yimmenyush barnootaaf qaban erga ijoollee afur dahanii umuriin isaanii deemees keessaa hin badne.

”Ijoolleenko durbaa lamaan ammoo barumsaan waan deemaniif mana hin jiran ture. Ani hawwii barnootaa waan qabuuf kana booda ijoolleen rakkattu hin jirtu jedheen bara 2011 barumsatti deebi’e. Abbaan warrakoos akkan baradhu na jajjabeessaa ture.

”Abbaa warraakoo fi mucaankoo dhaqanii na galmeessan. Mucaakoo sadaffaan Dachaasaa jedhamu barumsatti cimaadha. Isa waliin kutaa kudhanitti daree tokko teenyee barachuu jalqabne,” jedhan.

Aadde Yimmenyush waggaa dheeraa barnoota irraa turanii itti deebi’anis jabaatanii barachaa turan. ”Qormaata Biyyaalessaa kutaa 10ffaa qabxii 3.7 fideen darbe. Mucaankoos qabxii 3.9 fidee darbe.

”Mucaankoo baay’ee cimaadha. Barnoota qophaa’inaas mucaakoo waliin akkuma carraa daree tokko nu gahe.”

Waggaa dheeraaf turtanii yeroo itti deebitan barumsa hin dagannee jedhee gaaffii BBC’n gaafateef.

”Inni durii keessakootii hin baane, ijoollumaakootti herreegan jaaladha ture. Amma xiqqoo natti ulfaatee ture. Amma garuu hunduma isaan jaaladha, wal hin caalchisu.

”Mucaan koo na qayyabachiisaa ture. Halkanis waliin teenyee dubbisna. Ani barumsa irraayyuu hafuu hin jaaladhu,” jechuun dubbatan.

Aadde Yimmenyuushii fi ilmi isaanii Dachaasaan qormaata biyyaalessaa seensa yuunvarsiitii Kutaa 12ffaa bara 2014 qabxii gaarii fiduun yuunvarsiitiif darban.

Ilma isaanii Dachaasaa yuunvarsiitii Jimmaa gahe. Adde Yimmenyush ammoo yuunvarsiitii Wallaggaa gaheen.

”Abbaan warraa koo erga dabartee achuma seentee barachuu qabda na jennaan amma doormii taa’ee barachuufan dhufe,” jedhan.

Hawaasa baadiyaa keessas deemee waanan jireenya haadholii fi daa’immanii argeef fayyaa baradhee ummata tajaajiluun barbaada.

”Ani kanan baradhu ittiin hojii argachuuf qofa osoo hin taane carraama kana argachuu kootti baay’ee waan gammadeefi.”.

‘Osoo harmee keenya waliin baranna tahe….’

Aadde Yimmenyush yeroo ilma isaanii waliin mana barumsaa deemanii walumaan galan iji namoota baay’ee isaan irra bu’uunsaa hin hafne.

”Barattootni kaan baay’ee nutti gammadu. Maal taha akka kee osoo haadha keenya waliin baranna tahee jedhanii mucaakoo hawwu. Mucaankoos ijoollee waan taheef amala biraa hin qabu, dareettis akkuma manatti jiraanna,” jedhan.

Barattuu yuunvarsiitii wallaggaa ganna 47, Aadde Yimmenyush Mitikkuu
Ibsa waa’ee suuraa,Barattuu yuunvarsiitii wallaggaa ganna 47, Aadde Yimmenyush Mitikkuu Yunivarsiitii Wallaggaatti

Mucaankoo barataa cimaadha. Isas anaaniis baay’ee nu jaalatu. Barsiisonnis anaaf ijoolleekoo tahuu waan danda’aniif na jabeessaa turan.”

Ijoollee guddisaa, hojii mana keessaa waliin wal madaalsisaa deemuun waan ulfaatu miti kan jedhan Aadde Yimmenyush ijoollee isaanii waliin wal gargaaruun nyaatas akka hojjetaa barachaa turan himan.

Abbaa warraan isaanii ammoo waggaa dheeraaf waardiyaa tahuun maatii isaanii jiraachisaa turan. Isaan hoo akka aadde Yimmenyush barachuu hin barbaadanii? Gaaffii keenya ture.

”Loltuu waan turaniif kolleejjii hin xumurre ture. Osoo waardiyaa tahanii jiranii carraan barnoota fagoo dhufnaan, maal baradhu jedhanii na gaafatan.

”Waanuma baratu hin hubanne ture, garuu dur osoo loltuu hin tahiin dura barataa cimaa ture. Anis seera baradhu jennan baratanii dippiloomaa isaanii xumuran.”

Amma ammoo digirii isaaniis xumuranii Aanaa Nuunnuu Qumbaa keessa waajjira mootummaa tokko keessa akka hojjechaa jiran himan.

Aadde Yimmenyush ”yeroon jalqaba heerume, yooman barumsakootti deeba jedheen yaada ture. Dhiisee biyya biraafaatti badee osoon baradhe jedheen baay’ee aara ture. Amma gammachuu guddaatu natti dhagahama,” jedhan.

”Dur heerumanii ka’anii barachuun hin turre. Amma garuu heerumanii booda barachaas jiru. Hojii manaa ykn ijoolleef jettanii barumsa hin dhiisinaa.

”Ijoollee guddisuuf yoo tahe erga guddatanii mucaa keessan ishee dhumaa wajjiiniyyuu kutaa tokko galtanii barattanii fixuu dandeessu jedheen dhaama,” jedhan.

”Hojiidhaaf ykn miindaaf qofa hin baratamu. Ammoo barnoonni umurii hin daangessu jedheen namoota adda kutaniif dhaama,” jedhan Aadde Yimmenyush.

Guyyoota muraasa dura seenaa maanguddoo ganna 69’n qabxii seensa Yunivarsiitii argatanii Yunivarsiitii Jimmaa barana seenan isinitti himuun keenya ni yaadatama.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *