Aarsaa Jaalalaa Asoosam Gabaabaa Kutaa 2ffaa

Osooma daandii Asfaaltii irra deemaa jiru. Sagalee shamarrani Raaju,Raaju jedhu dhagahee gaafa galagalee ilaalu. Biiftuudha innis akka rifachuu ta’ee dhaaabbate eege. Biiftuun akkaataan deemsa ishee illee adda. Raajiinis eda Jaalalaa isheen iddame irriba malee bule. Biiftuunis in dhokfatti malee Qoosaa fi Dubbannaan Raajii waan ishee marare fakkaata. Lameenuu nagaa wal gaafatanii deemsa isaani itti fufan. Biiftuun gara suuqii deemaa jirti. Raajiin immoo Gara dalagaa isaatti imalaa jira. Raajiin akka isaa kaleessaa kolfee,qoose hin taphatu . Biiftuunis deebiste Raaju taphadhu malee jette ilkaan ishee isa kaarruu sanaan itti Seeqte Raajuunis tole Jedhee akka Seequ ta’e. Biiftuunis Raaju akkam maatiin kee Maal ofiin jedhu nama akkas hojii jaallatuu fi Nama nama bohaarsuun waan heedduu nama barsiisu akkasii qabaachuu isaanitti jette. Raajuunis erga hafuura dheeraa baafateen booda Waa’ee maatii kooti osoo na gaafachuu dhiiste gaariidha jedhe . Biiftuunis akka rifachuu taate Maal jechuudha Raaju Maatii hin qabdu moo? Jette. Raajiinis deebisee:- Abbaan koo jira garuu haadha koo ijoollummaa kiyyattin ija koo durattin dhabe
Osoon ijaan ilaaluun haadha koo dhabe
Dhiigi haadha kiyyaa Ija koo duratti lola’ee
Aayyoo kiyya oolfachuu hin dandeenye
Haadhi kiyya Arjummaan hawaasa naannoo biratti baay’ee beekamtuudha. Ofii beeloftee, dheebottee Naannoo keenyaa warra rakkatan beela baafti. Haati koo anaan baatii sagaliif walakkaa gadameessa isheetti na baatte. Yeroo na deesse immoo Ciniinsifattee na deesse. Haadha olmaa guddaa akkasii Naaf oolte kana akka salphaattin of biraa dhabe.


Kan naa Aarsuu Yeroo sana daa’imummaa koo irraa kan ka’e. Haadha koo Ajjeesuu akka dhiisaniif dhaabbadheen bo’aa ture. Ituu akka har’aa kana ta’e silaa… Osoon Ija ishee keessa ilaaluu isheenis ija koo keessa osoo ilaaltuu Rasaasa akka bokkaatti itti roobsuun na duraa ajjeesan iji haadha koo akka lammaffaa deebi’ee ana dhala ishee hin arginetti dunuunfate hafe. Anis obsi koo na dhume dhiiga haadha kiyya keessa ciisee haadha kiyya hammadheen bo’uutti ka’e. Haadhi kiyya duutetti akka ishee durii miti qaamni shee cabbii ta’eera. Ani kan na ajaa’ibu Namni Lafa kana irra jiraatu Namni haadhaaf Abbaa malee dhalatu hin jiru. Garuu akkamitti Namni haadha Gadameessa ishee keessatti baattee ,Ciniinsifattee isaa deesse irratti ajjeechaa akkasi akkamiin akka raawwatu anaan tilmaamuun natti ulfaata. Jedhe Gaafa gara Biiftuu ilaalu iji ishee imimmaan burqisiisuutti jira. Innis dhiisi Biiftuu ani iyyuu bo’een dadhabe jedhe.

Biiftuunis deebiste:- Eenyuu Raaju kan haadha kee akkasiti si duraa Ajjeese? Innis deebisee :- Qaama mootummaatu ati mormituudha jedhani Ajjeessan. Ishsenis deebistee Abbaan kee hoo Raaju jette. Raajiinis deebise:- Haadhi koo erga boqotteen booda osoo Gadda ishee keessa hin ba’in Abbaan koo haadha warraa biraa fuudhe. Isheenis Aadde Dinsirii jedhamte. Isheen immoo akka ani mana sana keessa jiraadhu hin jaallattu yeroo Mara dalagaa humna koon Olii na hojjechisiifti. Isa irratti immoo Abbaan koo yeroo inni gara hojiidha manatti galu. Sobdee Ameenya koo itti odeessiti innis yeroo Mara na reeba. Haasaa koo fudhachuu dhiise kan ishee Amana. Eda akkuman hojiidha galeen Reebicha hamaa narratti geggeesse osoo ani hin argin na qabate ilkaan kiyya isa fulduraa na kabalee cabse. Anis achii baqadhee mana hiriyaa kiyyaa bule jedhe. Biiftuu Waa’een Raajii garaa ishee moogesseera. Kana Booda hoo Akkam goota Eessa jiraatte achuma deebita moo? Jette. Raajiinis achi hin deebi’u. Qarshii isheeman argadhu kanaanin mana kiraa fudhadheen ta’a jedhe. Biiftuunis tole jabaadhu jette Gara suuqiitti qajeelte. Har’a Biiftuutti waa’een Raajii Dhukkuba daawwa hin qabne itti ta’eera. Rajuun osoo madaa akkasii qabuu kolfee taphachuun isaa nama cimaadha. Yeroo ilaalan nama rakkinaa hin qabne fakkaata. Ija Biiftuu Dura kan jiru hunduu Raajii itti fakkaata isheenis waraana jaalalaa sanaan waan waraanamte fakkaatti. Gidduutti osooma nama waliin haasoftuu yaadaan deemti. Yeroo namni ishee waamu immoo rifatte deebiti. Waan onneen ishee kolonii Raajii jala guutummaa guututti oolle fakkateera. Isheenis injifatamuuf harka kennuu qofatu ishee hafe. Amma Aduun dirqama ishee fixattee waan mana isheetti galuuf Ariifataa jirtu fakkata. Safuu yaa duukkanaa hunduu Gaafa dhihuu Gara mana isaatti gala. Biiftuunis Erga irbaata nyaatte booda gara kutaa irribaa isheetti qajeelte. Siree ishee irraa duddaan Ciiftee Yaadaan qaarite. Raajiin osooma kan koo ta’e? Akkamittan waa’ee jaalala koo kana ibsaaf? Akka Aadaa kootti dubarri dhiira hin gaafatu? Maali falli koo moo akkasumattin jaalala isaan gugubachaa jiraadha!?

Kutaa 3ffaan itti fufa…

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *