AARSAA JAALALAA ASOOSAMA GABAABAA Kutaa 1ffaa

Yeroon kun yeroo ciniinsuudha. Magaalaa fi Baadiyaa hin qabu dalagaaf kan kaatu. Egaa kan ijoollee qabu Dhala isaa ittin bulfachuuf dalagaaf kaata. Inni dargaggeessi immoo Borii isaa jijjiiruuf samii jala kaata. Yoo dhaabatani ilaalan hunduu ni fiiga akka waan waa baqatuu.
Har’a Gabaan Gabaa Guddaadha. Jaalalleewwan Jaalalan wal sakaalanis Har’a wal beellamani wal arguuf waan jarjara jiran fakkaatu. Silaa Waa’een Jaalalaa kun hamaadha. Halkan irriba malee guyyaa qalbii malee nama oolche bulcha. Gubaan isaa Obsa namaaf hin kennu Aduu fi Rooba keessas nama darara.
Raajiin Kan dhalate Abba isaa Barii fi Haadha isaa Aadde Warqituu irra Godina Wallagga Lixaa Magaala Gooriiti Dhalate. Innis Har’a Bakka Dalagaa isaa mijeeffatee bishaan qophee ittin qulqulleessu Qodaa isaatti Guuttate ta’a jira.


Raajiin har’a qophee Namoota Gabaa dhufani miidhegsuuf waan qabu mijeeffate “Diichi ” gubbaa jira. Gabaan Gara baadiyaati gara magaala Dhufanis qophee isaani qulqulleeffachuuf Raajiitti goraa jiru.
Amalli Raajiin qabu maamila horachuuf baay’ee isa gargaareera. Haati Raajii yeroo Raajiin waggaa saddetii humni Mootummaa yeroo sanaa ati Mormituudha Jedhani Mana ishee keessaa gadi waamani rasaasan laphee ishee irra haleelan.


Haati isaa baay’ee Amala qabeettii fi Nama arjummaan beekamtuudha. Ollaan gaafa rakkatu ishee bira deeme rakkina isaa furata. Har’a garuu kun Raajiitti abjuu itti fakkaata. Innis erga haati isaa du’aan godaantee qananiin jiraachuun hafeera.


Abbaan isaa akkuma Aadde Warqituun boqoteen Hadha warraa kan biraa fuudhe. Kun immoo Raajiitti Madaa hin fayyine itti ta’eera. Har’a Gabaan gobbattee yaa’aa jirti. Raajiinis qophee miicuu itti fufeera.
Gidduutti Sagaleen Konkolaataa ‘phiiph, phiiph’ jedhu dhaga’ame. Raajiinis yeroo galagalee ilaalu Mucayyoon dubaraa Miidhagni ishee ‘Bilillee’ fakkatu tokko foddaa konkolaataa banatte keessa buute. Dabareen In baayyata Jette? Raajiinis deebise taa’i Si Ga’aa jedhee ‘ Dekkoo’ irra ta’aa jiru irraa ka’ee kenneef.
Raajiin akkuma maqaa isaa Dubbannaan isaa fi Taphi isaa Ajaa’iba Namatti Tola. Namoonni qophee qulqulleeffachuu dhufan illee Osoo kolfani, gammaadanii qophee isaani bareechatani ka’u. Dhugaadha Namni Osoo Gadduu Yoo Raajii Bira dhufe Gadda isaa dagata. Walitti dhufeenyi maamila isaaf isa Gidduu jiru Baay’ee Adda.


Har’a mucayyoon Miidhagduu ilkaan kaarru qophee qulqulleeffachuuf dabaree qabatte Fuula Raajii dura jirti. Raajiin Maali bareedinni akkasi? Safuu yaa hojii Uumaa! Isa kaan Gurraacha, isaa kaan Diimaa,isa kaan Magaala,isa kaan Dheeraa, Isa Kaan immoo gabaabaa Uuma. hunduu kan wal fakkaattan yoo jiraatan illee waan hundaan tokko miti. Dhuguma Uumaan Ogeessa Cimaa Tilmaamamuuf kan nama rakkisuudha hojiin isaa jedhee.


Waa’ee Mucayyoo Isa dura qophee Qulqulleeffachuuf Teessu Yaada isaa keessatti Ajaa’ibsiifata. Mucayyoon Teessu Sunis qoosaa fi haasaan Raajii baay’ee itti tole. Ilkaan Ishee isa kaarruu fi Aannan muchaa ba’e sana yeroo isheen Gadi baaste Kolfitu . Raajiin Immoo Onneen isa waraaname waan dhiigi gara isaa keessatti roobsaa jiru fakkata.


Amma maamilli Raajii waarri jalqabaa kophee Qulqulleeffatanii Deemaniiru. Kan walitti hafe Raajii fi Mucayyoo Onnee Raajii waraante sanaadha. Egaa waraanni Addunyaa kana irraa haala garaa garaan Taasifama . Akkasumas illee Meeshaalee Cicimaa fi Qilleessa Summeessuu danda’anii fi , Xiyyaarota nama maleeyyii fi Kan kana fakkataaniin Geggeeffamuu danda’a. Akkasuma kan dhala namaatti ulfaatuuf meeshaa namtolchee hin barbaanne waraanni tokko Jira. Innis Waraana Jaalala jedhama waraannichi osoo Sitti hin dhukaasin kan Onnee kee Seenuudha. Dhukaasa malee Seenee daangaa darbee walakkaa Onnee Erga qabatee booda akka ati rukuttee mo’uu hin dandeenye Siif mirkaneessa. Osoo ati itti hin beekin Si mo’a.

Raajiinis Dubbadhu ittin jedhe. Isheenis Sagalee ishee isa Simbirroo Masqalaa fakkaattu Sanaan tole jette. Raajiinis deebise Siin.

kutaa 2ffaan itti fufa…

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *