Abbaa Caalaa Lataa: Imala jireenyaa fi qabsoo ABO  

“Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa’ dhiisaaree!” jedhu hiriyaa isaanii irraa geerarsa dabaree eeganii harkaa fuudhuun. Kan akkanatti geerarsa lommoxu ilma Lataa Waaqayyoo, ‘gooticha warra Sayyooti’.

Hiriyyootaafi jaalleewwan qabsoo isaati, akkas malee ‘Ilma Lataa Waaqayyoo, ‘gooticha warra Sayyoo’ jedhanii geeraraa kana jalaa kan qaban ture.

Waggaa 43 dura gammoojjii Sudaan keessa taa’anii geeraru ture Abbaa Caalaa Lataaf qabsaa’onni kaan.

Abbaa Caalaa Lataa maqaan isaa ganamaa abbaan baasaniif Abrahaam Lataa ture.

Ofii Abbaa Caalaa Lataa akkamitti maqaa kana argatan?

Dubbiin akkana! Bara 1979 tti hiriyoota isaanii wajjin qabsoo hidhannoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuuf Sudaan keessa osoo jiranii hiriyaan isaanii Abbaa Caaltuu jedhamu gaaf tokko ni geerara ture.

Abbaan Caalaas sagalee qaratanii itti taa’an, “Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa dhiisaaree?” jechuun Abbaa Caaltuu harkaa fuudhan. Tarii gaafa sana Obbo Abbaa Caalaa akkana jedhanii itti fufuun waan geeraran fakkaata:

Harmee koo yaa soorettii

mee hin galla akka koorrettii

hin hafnu akka joorrettii….Ishoooo!

 “Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa dhiisaaree?” waan jedhaniif hiriyoonni isaanii ‘Abbaa Caalaa’ jedhanii waamuu eegalan.

Maqichis ragga’ee hafe. Gaafa, “Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa dhiisaaree?” jedhan sana ‘anis ilma Caalaa jedhamu qaba’ jechuu isaaniti. Hiriyoota isaanif garuu dubbiin hin galle.       

“Dhuguma ilma Caalaa jedhamu nan qaba. Bara Dargii hojjataa mootummaa ta’ee osoon Wallaga jiruun ilma Caalaa jedhamu godhadhe. Namni tokkoyyu akkan mucaa qabu garuu hin beeku ture,” jedhu Abbaa Caalaa turtii BBC waliin taaisaniin.  

Abbaa Caalan bara 1950 A.L.A tti Qeellam Wallagaa moggaa magaala Dambi Doollotti Abbaa isaanii Lataa Waaqayyoo fi haadha isaanii Hambisee Gorbaa irraa dhalatan.

Umurii ijoollummaatti akkuma ijoollee qotee bulaatti dhoqqee bukeessuu, biyyoo daakuu, geengoo waraanuu, mucucoo fi kollee fa’aa tapahatanii guddatan.

“Ijoollummaatti ani mootii mandaraan ture. Yeroo tokko naannoo sanatti ana qofatu kubbaa teenisii qaba waan ta’eef ijoolleen ana wajjin taphachuuf jecha ana jala yaa’u turan,” jechuun ijoollummaa isaanii yaadatu Abbaa Caalan.

Garuu gaaf tokko kubbaan isaanii dhootee akka durii ijoollee irratti mo’uun ni hafe. Ijoollee ajajuun hafee ijoollee wajjin wal-qixa tapahachuutti deebi’an.

Baruumsa kutaa 1 hanga 8 Dambi Doollotti baratan. Baruumsa sadarkaa lammaffaa ammoo mana baruumsaa ‘Bethel Evangelical Secondary School (BESS)’ jedhamu kan magaala Dambi Doollotti argamutti baratan.

Abbaan Caalaa hiriyoota isaanii wajjin nama sagal ta’anii qormaata kutaa 12 qoraman. “Ana dabalatee nama sadii qofatu yuunivarsiitii gale,” jedhu.

Yuunivarsiitii Finfinnee- wiirtuu qabsoo Oromoofi saboota Itoophiyaa

Abbaa Caalaa Lataa barnoota sadarkaa olaanaa barachuuf bara 1971 tti Yuunivarsiitii Finfinnee seenanii barnoota Ikonomiksii barachuu eegalan.

Yuunivarsiitin Finfinnee yeroo sana wiirtuu barnoota ammayyaa qofa osoo hin taane wiirtuu raacatiin qabsoo uummata Oromoo fi uummattoota Itoophiyaa finiinsu itti argamu ture.

Mooraa kanatti egaa ijji qabsoo uummata Oromoo Abbaa Caalatiif kan banamte. Fincila barattootaa bara 1970’ oota keessa dhohee sirna Fiwudaalaa garagalche keessatti ilmaan Oromoo sochii kana finiinsuun mirga wal-qixummaa saba Oromoo fi uummattoota Itoophiyaaf falmaa turan keessaa tokko Abbaa Caalaa Lataati.  

Abbaa Caalaa Lataa dabalatee jaallan isaanii qabsoo Oromoo sochoosaa turaniif Yuunivarsiitin Finfinnee haala mijataa uumefii ture. Barattoonni bakka garaa garaa irraa dhufan waa’ee siyaasa Itoophiyaa ni mariyatu; wal-falmu; yaada furmaataa dhiyeessu turan.

Addumatti barruun Waalalleny Makonnin ‘Gaaffilee Saboota Itoophiyaa’ jedhuu fi Walaloon Ibsaa Guutamaa ‘Itoophiyaawwii Maannawu?’ jechuun barreesse mata-duree falmiifi raacatii sochii qabsoo sabootaa finiinsaa turaniidha.

Abbaa Caalaa Lataas sochii kana keessatti egaa ijji Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan banamteef. Hiriyoota isaanii hedduu wajjin wal-baruun caasaa dhoksaadhan ABOn ijaare keessatti socho’aa akka turan himu.

Abbaa Caalaan dhiyeenya kana kitaaba seenaa jireenya isaaniifi Qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) seenessu mata-duree, “Jireenya fi Qabsoo ABO” jedhuun maxxansuun gabaarra oolchuu isaanii BBC tti himaniiru.

Kitaabni isaanii kun ifatti Adoolessa 16, 2022 Washingtanitti akka eebbiffamu himaniiru.

Akkasumas, bu’aa bayiin jireenyaa Abbaa Caalaa, qabsoon ABO fi karaa dheeraan qabsoon Oromoo keessa darbee dhufe qabiyyee kitaaba isaanii keessaa akka ta’e dubbatu. 

Abbaa Caalaa

Abbaa Caalaa Lataa erga Yuunivarsiitii seenanii waggaa sadaffaatti waggaa tokkoof tajaajila uummataa kennuf Arsii Kofaleetti barsiisummaan ramadaman.

Tajaajila uummataa kennaa turan xumuranii bara 1974 tti baruumsa isaanii xumuruuf yeroo gara mooraa yuunivarsiititi deebi’an qabsoo fincila barattootaa irraa kan ka’e yuunivarsiitin cufamuu isaa ni yaadatu.

Haayilasillaaseen kufee mootummaan Dargii erga aangoo qabatee yuunivarsiititti deebi’uun baruumsa isaanii digrii jalqabaa Ikonomiksiidhan eebbifamuu dubbatu Obbo Abbaa Caalaa Lataa.

Caasaa ABO mootummaa Dargii keessatti

Dhaabni ABO bara 1976 tti sagantaa siyaasa isaa erga ifa godheen booda bara 1977 tti iffatti hundaa’e. ABOn sochii isaa iffatti gaggeessuf mootummaa Dargiitin danqamaa waan tureef Dargiidhuma keessatti karaa namoota quuqama sabaa qabanii caasaa ijaarrachuu akka jalqabe ibsu qabsaa’aan buleessi kun.

Kanaaf ammoo namoonni akka Baaroo Tumsaa fa’aa warra sirna bulchiinsa Dargii keessa taa’anii sagantaa ABO baasuu irraa kaasee hanga dhaabicha bu’uuressuutti qooda olaanaa qaban turan jedhu.

Hundeeffamuu ABO keessatti namoota shoora guddaa qaban keessaa tokko obboleessa Abbaa Caalaa Lataa kan ta’an Obbo Leencoo Lataati.

Pirezidaantiin duraanii Itoophiyaa Nagaasoo Gidaadaa (PHD) yeroo ABOn hundaa’u waan Leencoo Lataa jedheen mudannoo isaanii Kitaaba ‘Daandii Nagaasoo’ jedhu keessatti barreessaniiru.   

Yeroo ABOn hundaa’u sana Dr. Nagaason karaa Luba Guddinaa Tumsaa carraa barnootaa Jarmanitti argatan. Oduu gaarii kana hiriyaa isaanii Leencootti himuuf Finfinneetti wal argan. Dr. Nagaason, “Ani barnoota argadhee Jarman deemufan jira” jedhaniin. “Maal barachuu deemta?” jechuun gaafatan Obbo Leencon. Dr. Nagasoon dafee, “Seenan baradha” jedhaniin.

Obbo Leencon, “Ati dhaqii seenaa baradhu, nuti asuma teenyee seenaa hojjannee si eegnaa!” jechuun deebisaniif.

Dr. Nagaason ajaa’ibsiifatanii gargar deeman. Dr. Nagaason gaafa deebi’an dhuguma ABOn hundaa’ee seenan hojjatamee isaan eege.

Abbaa Caalaa Lataas ABOn ifatti osoo hin hundeeffamiiniyyuu maandhee (seelii) dhaabichaa keessa seenuun dhoksaadhan hojjataa akka turan dubbatu. Keessumaa caasaa mootummaa Dargii keessatti diriire keessatti sochii guddaa taasisaa akka turan himu.  

Erga barnoota isaanii xumuranii maqaa hojjataa mootummaatin gara Wallaggaa deemanii hojii dhoksaa (covert task) akka hojjataniif dhaabichi ergama itti kennuu yaadatu.

Yeroo Abbaa Caalaa Lataa garas deeman Wallagga bulchaa kan ture Obbo Abbiyyuu Galataati. Obbo Tasammaa Nagarii ammoo Obbo Abbiyyuu jalatti hojjata ture. Lamaan isaanituu aangawoota Dargii olaanoo ta’anii harka lafa jalaan qabsoo ABO deeggaraa warra turaniidha.

“Akkan garas deemee hojii dhaabaa hojjadhuuf Jaal Baaroo Tumsaa fa’aa Obbo Abbiyyuu Galataa fa’aa wajjin haasa’anii maqaan ‘Ogeessa Diinagdee Baadiyyaa kan Bulchiinsa Wallaggaa’ jedhu naaf kennamee akkan garas deemu ta’e.”

“Ani guyyaa tokko ogummaan baradheen hojjadhee hin beeku. Ani jalqabuma maqaa kanaan hojii sochii ABO akkan Wallaggatti hojjadhuufan ergame,” jedhu Abbaan Caalaa.

“Nama lama taanee bosona seenne…”

Abbaan Caalaa Wallaggatti maqaa hojjataa Dargiitiin qabsoo ABO osoo hojjataa jiranii aanga’aan Dargii yeroo hunda maqaan isaa gara jabeenyan ka’u tokko Bulchiinsa Wallaggaatti ramadame- Nigusee Faantaa jedhama.  

Abbaan Caalaa aanga’aa kana waliin hojjataa akka turan dubbatu: “Walgahii fa’aa wajjin teenya, afaan nan hiikaaf ture. Hojii dirrees wajjin deemna turre; wallaalaa wajiiti, akkasumaan barooda malee homaa hin beeku, nuti garuu itti tapahanna turre, isuma bira teenyee hojii siyaasaa keenya hojjataa turre. Garuu ammoo gara jabeessa!”  

“Boodarra nurratti baree na hidhuuf yeroo jedhutti Dambi Doollottan baqadhe. Achii gaafa inni nama hidhuu jalqabun gara Naqamtee dhufe; Gimbiidhaa nama hidhuu yoo jalqabu Finfinneen dhaqe.

“Finfinnee irraa ammas Dambi Doollon dhaqe. Achiin booda lama taanee bosona seenne; nama lama ta’anii qabsaa’un waan nutti ulfaateef achii baanee miilan Goreetti ceene; achiin gara Finfinneetti imalle,” jedhu.

Yeroo sana ABOn gurmaa’ee dirree bahaatti qabsoo hidhannoo eegalee ture waan ta’eef Finfinnee irraa gara qabsoo hidhannoo Waranaa Bilisummaa Oromoo (WBO) dirree bahaatti imaluu yaadatu.

Bara 1981’tti Sudaanitti leenjii waraanaa fudhachuun namoota 17 qabsoo hidhannoo Adda Bilisummaa Oromoo dirree lixaa saaqan keessaa tokko Abbaa Caalaa Lataati.

“Nutis silaa isaanuma wajjin summii nyaannee dhumna ture”

Yeroo Obbo Abbaa Caalaa fi Obbo Daawud Ibsaa fa’aa waraana ABO dirree lixaa eegalanii kaasee Dargiin sochii hidhannoo kana kichuutti hambisuuf summiidhan fixuuf karoora cimaa akka baase yaadatu. Karoora kanattis hamma tokko milkaa’eera jedhu.

“Guyyaa tokko Saglii nama 14 qabu taanee ona Gidaamitti ol baane. Dureen Saglii Obbo Daawud Ibsaati, ani itti aanadha; sana booda bakka lamatti hiramnee Obbo Daawud nama 8 wajjin Gidaamitti hafan, ani namoota 6 fudheen gara Beegii deeme.

“Garee Obbo Daawud fa’aa balaa summiitu isaan mudate. Nutis silaa osoo achi jiraannee isaanuma wajjin dhumna turre,” jedhu Abbaa Caalaan bulchaan Wallaggaa yeroo sanaa Nigusee Faantaa akkamitti waraana ABO summiidhan akka fixe yoo yaadatan.

Akka isaan jedhanitti, taateen kun kan raawwate bara 1981 ji’a Muddee keessa ture.

“Jaallan keenya summiin erga dhumanii booda rakkoo guddaatu nu mudate. Namoonni heddus nu ganan. Deebinee erga of-ijaaruu jalqabnee booda bara 1982 ji’a Caamsaa fi Waxabajjii keessa  Dargiin lola guddaa nurratti bane. Isas mo’annee ofirraa deebisne,” jedhu.

Abbaa Caalaan waa’ee jaallan isaanii summii nyaachifamanii dhumanii, gidiraa fi xiiqii qabsoo sana booda isaan mudate, naasuu jaallan isaanii dhumanii irraa dandamatanii akkamitti Dargii wajjin lolanii akka mo’ataa turan kitaaba isaanii keessatti bal’inaan akka ibsan ni dubbatu. 

Namoota Nigusee Faantaa summii nyaachise keessaa lubbuun kan hafe Obbo Daawud Ibsaa qofa jedhu. Obbo Daawud erga summii irraa hafanii qabamanii waggootaaf mana hidhaa turan. Booda mana hidhaa ‘Ma’ikalaawwii’ keessaa miliquun gaafa isaan dirree qabsootti deebi’an, waraanni Abbaa Caalaa fa’iin hogganamaa ture baay’atee lafa fudhatee isaan eege.

Mootummaan Dargii Waraana Bilisummaa Oromoo dirree lixaa summii nyaachisee fixuu barbaadus, waraanichi dandamatee baay’atee bara 1991 yeroo Dargiin kufutti waraanni birgeedii guutuu ta’ee sadarkaa taankidhaan loluu irra akka gahe dubbatu Abbaan Caalaa.

Erga jaallan isaanii summiidhan dhumanii booda hanga bara 1986 tti waraanaafi hojii siyaasa ABO damee lixaa itti-gaafatamummaan gaggeessaa kan ture Abbaa Caalaa Lataati.

Bara 1988 tti ammoo damee siyaasaa irratti fuulleffatanii akka hojjataniif taasifaman.

Akka Abbaa Caalaa jedhanitti, sabni Oormoo waggoota dhibbaa oliif eenyummaa isaatti akka qaaneffatu qor-qalbii isaa irratti waan hojjatameef kana keessaa baasuun qabsoo salphaa hin turre jedhu.

“Guyyaa tokko hiriyaan keenya tokko Finfinneetti osoo nuti Afaan Oromoo dubbataa deemnuu nu argee, ‘ijoolle afaan kun afaan dhoksaatii karaa irratti haasa’aa hin deeminaa’ nuun jedhe,”’ jechuun namni akkamitti Oromummaa isaatti qaanfataa akka ture yaadatu.

“Finfinnee keessatti ‘baasii’ fa’aa seennee beekadhuuma walirraa fagaannee dhaabannee alaalatti sagalee ol-fuunee Afaan Oromoo dubbanna turre. Kaayyon keenya diddaa uumuu ture, akka namni of-baru gochuu!

Jalqaba ofii kee bilisa baasta, sana booda namni akka garbummaa didu gootee bilisa baasta. Bifa kanaan hojjataa turre,” jedhu.

Waanta nuti qabsoofnef keessaa waan tokkotu hafe…

“Kaayyon qabsoo nuti jalqaba kaaneef irra guddaan isaa raawwateera. Oromoon eenyummaa isaatti boonaa jira; afaan isaatiin dubbatee barata; daangaa Oromiyaa jedhamtu qaba.  Kana booda kan Oromoo hafu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuudha,” jedhu Abbaa Caalaa Lataan.

Goolama siyaasaa Itoophiyaan amma keessa jirtu ilaalchisee yaada furmaataa kennaniin mootummaan akkuma bara Wayyaanee humnaan cabseen of jala si galcha jechuu dhiisee mariidhan gaaffii uummataa deebisuutu furamaata jedhu.

Akkasumas, mootummaan gadi taa’ee qaama hidhate wajjin mariyatee furmaata siyaasaa kaa’uu qaba malee humnaan gaaffii deebisuun kana durayyuu furmaata hin taane jedhu gameessi siyaasaa ganna 72 Obbo Abbaa Caalaa Lataa.

Akka isaan jedhanitti, amma Oromoon sadarkaa dammaqiinsa guddaa keessa jira.

Bara isaan qabsaa’aa turaniifi amma wal bira qabanii gaafa dubbatan: “Yeroo sana nuti waa’ee qabsoo yoo kaafne namni nu hin dhagahu ture. Hojii hojjatanee jireenya keenya fooyyeffanna nuun jedhu turan. Osoo dammaqiinsi amma jiru kun yeroo keenya jiraatee…!” jedhanii garaa isaan nyaata.

Abbaa Caalaa Lataa fi Leencoo Lataa

Obbo Abbaa Caalaa fi Obbo Leencon obbolaadha. “Leencon gara waggaa torbaa na angafa. Anaa fi isa gidduu nama lamatu jira. Dheerinaan garuu anatu angafa,” jedhu. Obbo Leencoon gabaabadha jechuu isaaniiti.

Isaan lachuu qabsoo Oromoo keessatti ilkaan buqqifatanii arrii baasan. Isaan lachuu dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo keessatti qabsoo hidhannootii kaasee, dabballummaa fi hanga sadarkaa gaggeessummmaatti tajaajilaniiru.

Lamaan isaanituu amma siyaasa keessaa bahanii Yuuba ta’uu isaanii labsaniiru.

Akka sirna Gadaatti, namni Yuuba ta’e jechuun siyaasa ykn bulchiinsa keessatti kallattiin hirmaata osoo hin taane duuba taa’ee gorsa, kallattii itti agarsiisa.

Akka Abbaa Caalaa jedhanitti, Obbo Leencoo waliin waa’ee siyaasa Itoophiyaa fi qabsoo Oromoo ni mariyatu, wal gorsu, kuni hin baasu, kanatu ta’uu qaba, kuni hin ta’u jedhanii wal-falmu.

Akka obbolaa tiruu tokko boraafataniitti ammoo walitti deeemu, quba wal-qabu, wal-iyyaafatu.

“Ani Yuuba ta’eera, kana booda hojiin koo taa’ee gorsuudha. Namni nama dhaggeeffatu yoo jiraate! Ammaan booda hammin jiraadhu xiqqaadha waan ta’eef yeroo haftetti waanan godhu hundumaa eeggannoodhan godhuun qaba.”

“Hanga ammaatti waanan godhuu danda’u godheera. Isa dhumaa ammoo waanan keessa darbe kunoo kitaaban kaa’era. Dirqama koo xumuradheera ani. Qabsoon Oromoo yoo karaa irraa maqe garuu hin callisu, nan dubbadha. Waanan jireenya koo itti dabarse akkamittan callisee ilaala?” jedhu Abbaa Caalaa Lataa.

Abbaa Caalaan gameessa umurii isaanii guutuu qabsoo uummata Oromoof dhama’aniidha. Qabsoo hidhannoo kaasee hanga waraana gaggeessutti; waggoota dheeraa miseensa koree giddu-galeessaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta’uunis tajaajilaniiru.

Bu’aa ba’ii qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo, waan uummanni Oromoo keessa darbee as gahee fi seenaa jireenya isaanii dhaloonni dhufu haa baru jedhan kitaabatti jijjiiranii jiru.

Obbo Abbaa Caalaa ilma ittiin waamaman Caalaa qofa qabu. Caalan fuudhee ijoollee lama godhatee Abbaa Caalaa akaakayyuu taasiseera. Abbaa Caalaa amma biyya Ameerikaa jiraatu. 

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *