
Afriikaa Kibbaatti barataa adiin qabeenyaa barataa gurraachaa irratti fincaan fincaa’un himatame barnoota yunivarsitii irraa dhorkame.
Taateen kunis kan mudate Afriikaa Kibaa Yunivarsitii Stellenbosch keessatti yoo ta’u, dhimmichi dhugaa ta’u dhaabbatichi Wiixata kaleessaa BBC’f mirkaneesseera.
Yunivarsitichis taateen kun erga qoratameen booda bu’aadhuma qorannoo irratti hundaa’uun, tarkaanfiin hanga guutummaan barnoota irraa ari’achuufi yakkaan himachuu akka hordofu beeksiseera.
Gocha barataa waggaa tokkoffaa kan ta’e kanaan raawwatame kana mormuufi tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamu gaafachuuf guyyaa Wiixataa barattoonni Yunivarsitii Stellenbosch hedduun mormiif bahanii ture.
Akkuma warra kaan waraabbii viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodamee argan kaan jedhaniitti, Yunivarsitichis gamasaan tarii gochichi kan jibba sanyummaa qabaatu ta’uu mala jedheera.
Dubbi himaan yunivarsitichaa Maartiin Viljoon tibba ibsa kennaniitti akka jedhaniitti, yunivarsitichi ”gochaa badii, kan miidhaa qabuufi jibba sanyummaa kana cimsee balaaleeffata,” jedhan.
Barataan gurraachi taateen kun irratti raawwatames hanga har’aatti naasuu keessaa kan hin baaneefi waan mudatee hubachuuf yaadaa jiraachuu hime yunivarsitichi.
Akka midiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, barataa gurraachichi kutaasaa keessaa rafaa osoo jiru, namni ta’e kutaa isaa keessa erga seenuu hubateen booda hirriiba irraa damaqe.
Waraabbii viidiyichaarrattis barataa gurraachi wayita barataa adiin maaliif mi’oota isaa irratti akka fincaa’u osoo gaafatu dhagahama.
Taateen kunis Afriikaa Kibbaatti erga appaartaayidiin xumurameen waggoota hedduun booda, rakkina jibba sanyii irratti qabsaa’aa turan deebiisee kan mul’iseedha.