Akkamitti ofitti amanamummaa keenya guddifna?

Nuti kan dhalanneef akka of jibbinuuf miti!,akka of tuffanuufis miti. Namni kamuu gatii qaba. Si bira darbee jiraachuu keetti namoonni gammadan hedduudha! Kun ta’ee osoo jiruu namoonni hedduun Iddoo gadi aanaa yeroo ofiif laatan ni mul’atu. Ofitti amanamummaan xiqqaachuun waan silaa argachuu qabnu hedduu nu dhabsiisa.

Jireenya keenya guyyaa guyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqqabsiisa. Ofitti amanamummaa kee cimsuudhaaf wantoota gochuu qabdu:

  • Ofiikeetiis gaarii ofiif ta’i.
  • Akkuma namoota birootiif iddoo laattu ofii keetiifis iddoo qabaadhu.
  • Ofii kee jaaladhu,of kunuunsi,ofii keef yaadi. Nama biroo jaalachuudhaaf of jibbuun dirqama miti. Ofis jaalataa nama biroos jaalachuun ni danda’ama.
  • Ofii kee nama biraa waliin hin madaalin. Karooraa fi galma kee irratti xiyyeeffadhu.
  • Eenyus guutuu miti. Yeroo yeroodhaan hanga dandeesse of fooyyesuudhaaf yaali malee,guutuu ta’uu qaba jettee of hin dhiphisini.
  • Namni kamuu dogongora uumuu akka danda’u yaadadhu. kan dogongoru si qofa miti.
  • Waan jijjiruu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Waanuma hundaa gochuu qaba jettee humnaa fi yeroo kee hin fixini.
  • Waan si gammachiisu hojjadhu.
  • Moo’annoo xiqqoo argatte hin tuffatin. Kabajachaaf guddifachaa deemi malee.
  • Ati namoota birootiif nama barbaachistu akka taate hin dagatin.
  • Namoota ofitti amanamummaa kee akka cimisituuf si gargaaran hiriyoomfadhu . namoota abdii si kutachiisan irraa fagaadhu.

Dadhabinna kee ishee xiqqoo ilaaltee of tuffachuu osoo hin taane ciminakee irratti xiyyeeffadhuutii of jabeessi. Of hin xiqqeessin. Sodaa sodaachisi.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *