Appii lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa kuma 65 wal-jaalachiise

Dur dur namoonni wal-fuudhan gaafa cidha isaanii wal-baru ture. Bara kana garuu battaluma tokko lama cuqaasuun ”double click” ta’eera dubbiin.

Maaltu beeka nama boru bultii waliin dhaabnu appii bilbila keenyaa irratti baannee jooraa jirra taha. Hin beekamu.

Garuu Appiin Jabanaa dubbii kana beeka.

Jabanaan appii jaalalleen ittii argatamuudha. Xiyyeeffannoon isaa lammiilee Itoophiyaa biyya alaatti argaman jaalallee akka walii ta’an waliin quunnamsiisuu, wal barsiisuu, takka takkaa immoo wal-fuusisuuyyuudha.

Namoon karaa appii kanaatiin wal-baranii wal-fuudhan jiru.

Jabanaan ofiisaayyuu cidhaaf waamamee beeka. ‘’Appilikeeshinii keessan wajjin akka nuuf argamtan kabajaan isin affeerra!’’ jedhamee affeeramee beeka.

Appiichi maaliif lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa qofa wal-quunnamsiisa?

Bara kana appiiwwan jaalalaa (Dating apps) waan laayyoo hojjataa hin jiru. Daldala doolaara biiliyoonaan lakkaa’amuun socho’aniidha.

Miidiyaan hawaasaa yeroo guddachaa dhufu yaada dhufe fakkaata appiin jaalalaa kunis. Namoota jaalalaaf wal-barbaadan qofa quunnamsiisuuf akka filannootti dhiyaate.

Gama kanaan akka addunyaatti appiiwwan ‘Tinder fi Bumble’ jedhaman warra duraan turan keessaayi.

Appiiwwan lamaan kunneenis maamiloota miiliyoonaa 100’n lakkaa’aman qabu. Lakkoofis maamiltoota dhiiraafi dubaraas hanaga ta’e kan wal-gituudha

Appiin inni ‘Bumble’ jedhamu dubartootaaf dursa kennuutiin adda taha. Danbii appii kanaan dubartootatu dursee jaalala isaanii ibsachuu qaba.

Jabanaan ‘Tinder’ fa’i irraa maaliin adda taha?

Appii Jabanaa jedhamu kana kanneen tolchan keessaa tokko kan tahe Henook Waldamikaa’el, ‘’Tinder fi Bumble hawaasa tokko irratti osoo hin xiyyeeffatiin nama addunyaa maraaf tolachaman,’’ jedha.

Appiiwwan kunneen hordofuun hojjetaman garuu bifa addaa qabaachaa dhufan.

Fakkeenyaaf namoota amantii Musliimaa ykn Kiristaanaa hordofan qofaaf kan qophaa’an suuta suuta hojjetamaa dhufaniiru. Jabanaan immoo lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa bu’uura godhachuun kan tolfame dha.

Namoota marsariitii Jabanaa uuman keessaa tokko-Heenok Waldemikaa'el
Ibsa waa’ee suuraa,Namoota marsariitii Jabanaa uuman keessaa tokko-Heenok Waldemikaa’el

Appii Jabanaa kana eenyutu tolche?

Appii Jabanaa kana hiriyyoota lammiilee Eeritiraa fi Itoophiyaatu afur biyya alaa jirataniitu tolche. Namoota appii Jabanaa kanaaf gumaachan keessa tokko Henook.

Henook Ertiraatti dhalatee, Ameerikaatti kan guddate yoo tahu Niiw Yoork jiraata. Yunivarsiitii Ohaayootti saayinsii kompitaraa barate.

Henook Jabanaan akkamiin akka jalqabamee yoo himu, ‘’biyya alaa kanatti dubartii Itoophiyaa wal-baruudhaaf, cidha ykn eebba wayiirratti waamamuu qabda. Kanaan alatti eessatti argattaan? Jireenyi silaa fiigichadha,’’ jedha.

Waan Henook jedhe dhuguma, Awurooppaa keessattis akkasuma festivaallii Ispoortii waggaa fa’i gaafa jiraatudha dubartoota Itoophiyaa arguun kan danda’amu.

Appiin Jabanaa kun akkamiin tolchame?

Waltajjiiwwan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan itti wal argan baayyee murtaa’aadha. Kalaqamuu appii kanaatiifis kun madda hin ture. Taatee biraatu madda ta’eef.

Bara 2019 keessaa lammiilee Itoophiyaa wal beekan tokko Twitter fi Instagram walii barreessu fi walitti qoosu eegalan.

Isaaniis akkasi jechuun qoosuu eegalan, ‘’Eenyuufi eenyuun jaalalaaf walii tahu, osoo wal-arganii gaariidha,’’ jechaa osoo haasa’anii warri kaan jalatti yaada keennuu eegaan.

‘’Appiin lammiileen Itoophiyaa fi Ertiraa irratti wal argan osoo jiraatee gaarii ture,’’ yaadni jedhu ka’e.

Henookii fi hiriyyooti isaa sadeen dubbii kana akka laayyootti hin ilaalle. Dubbii kana itti cimsan, qorachuu jalqaban.

Haata’u malee hundisaanituu hojii yeroo guutuu waanqabaniif yaada kana hojiittii geeddaruuf yeroo fudhate.

Bara 2020 kuusaa appii Apple (iSO) keessa Jabanaa qixeessanii kaa’an. Namoota fedhiidhaan hirmaatan 200 irraatti, ’’tamsaasa yaalii jalqaban.’’

Bitootessa 2020 ammoo yeroo Covid19 jalqabeetti Jabanaanis ifatti hojiisaanii jalqaban. Yeroo namni sababii Covidn manatti ugguramee ture lakkoofsi maamilaa dabaleera.

Ammattis jabanaan fayyadamtoota kuma 65 qaba.

Namoonni kuma 160 tahan irratti wal-baranii, wal-qo’ataniiru. Hamma yoonaa Jabanaadhaan ergaawwan jaalalaa miiliyoona 1.8 tahan ergamaniiru.

Jabanaadhaan jaalalli akkamiin danfaa?

Maamilootni appii kana kuusaa appii bilbila isaaniirraa erga buufataniin booda, suuraa eenyummaa isaanii sirriin agarsiisuufi maqaa isaanii dhugaa kaa’auu qabu. Eenyummaan sobaa maamilummaa irraa nama haqsiisa.

Kanaa achi eegaa abbaatu itti darba. Jabanaan akka fardaati, ni geessa malee hin waraanu. Jaalala jaalala walii qaban akka waliif ibsan gargaara malee gara qabatamaatti kan geeddaran namoota sanadha jechuudha.

Kana booda miseensummaan guutuun argama. Isaan booda ammoo, ‘’magaaltii, diimtuu, gurree, domboshee, qal’oo, shaggee,’’ jechaa barbaaduun ni eegalama.

Shamarreen maamila Jabanaa taate tokko nama qalbiinshee jaalate yoo mallattoo itti agarsiistee deebii yoo kenne, afaan dhaloota duraaniin,’’gaafa ijaan ishee dubbisu ykn siiksuu isheen akka kolfuu taatu sana dha,’’ jechuu dha.

Dhaloota 90mootaan immoo ‘lakkoofsa bilbilaa fudhate,’’ jechuu tahuu mala. Henook danbiin Jabanaa nageenya dubartootaaf mijataadha jedha.

Warra namuusa hin qabneef obsa hin qabnu jedha. Afaan biyya keessa jiraatuun yoo ibsu,’’zero tolerance policy’’ waan jedhu qabna jedha

Dubartoota waan mishaa hin taane kan dubbatu, suuraa sirrii hin taane namni ergu jiraannaan Jabanaarraa ni arii’ama.

Namoota suuraa nama biraan eenyummaa dhokfatanii warraa maamila tahan irratti tarkaanfiin ni fudhatamaa jedha Henook.

Miseensa tokkorratti himannii al lammata yoo baneef maamilummaa irraa ni haqama.

Namni Ameerikaa hin jiraanne Jabanaa fayyadmuu hin danda’u?

Appiin kun lammiilee Itoophiyaafi Ertiraaf yaadamee tolfamee jedha Henook.

Appiin kanneen akka Tinder iddoo namni tokko jiru bu’uura godhachuun namoota kaan wajjin wal-siquunnamsiisa. Kunimmoo namoota keenyaaf hin hojjetu, sababiinsaas yeroo baayyee iddoo tokkotti walitti qabamaniitu jiraatu.

‘’Fakkeenyaaf ani Niiw Yoork jiraadha. Tinder yoon fayyadame nama km1 hanga 10 keessa jiru waliin wal-na quunnamsiisa.

‘’Jabanaan garuu akka sanatti hin hojjetu. Shamarree Maanhaataan jirtu na barsiisi yoon jedhe carraan argachuu koo gad-bu’aadha,’’ jedha.

Kanaaf, appiin Jabanaa kun naannolee lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa jiran addatti barbaaduu danda’a.

‘’Bulchiinsaafi gandoota lammiileen Itoophiyaa fi Ertiraa jiraatan dursinee qo’annetti qopheessine,’’ jedha Henook.

Haala kanaan, Meeriilaand, Varjiiniyaa keessa namoonni Itoophiyaa fi Ertiraa gatii argamaniif akka wiirtuu Jabanaatti fudhatame. Iddoowwan biraafi Awurooppaafi Kanaadaas akkasumaan itti fufne.

‘’Yeroo ammaa kana UK, Siwiidiiniifi Noorweey keessattis filatamaa taheera,’’

Bilbilaan nama uruursuun aadaa keenyaa?

Kanneen Jabanaa tolchan dubbiin kun jalqabumaa akka isaan yaadessaa ture himu. Henook keesuma appii kana yeroo tolchuu jalqabe maatiisaatti sodaachaa akka itti hime dubbata.

‘’Waan namoonni irratti wal-baraniidha jedhee yeroon itti himu ni gammadanii,’’ jedha. Tahus appiiwwan gosa kanaa akka safuutti ilaalamuun isaanii waan oole miti.

Waan tokko haala itti fayyadamnuufi itti beeksisnutu murteessa jedha Henook. ‘’Nuti Jabanaa kan uumne, waan qoosaaf mitii,’’ jedha.

Akkuma inni jedhe namoonni karaa appiin kanaan iddoo guddaa gahan jiru. Isayyuu yeroo gabaabaa kana keessatti.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *