Atileet Taammiraat Tolaa maaraatooniin shaampiyoonaa addunyaa ta’e

Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa dorgomamaa jiruun maaraatoonii dhiiraan riikardii cabsuun injifate.

Atileetiin kuni atileetota kaanirraa adda bahuun sa’aatii 2:05:36’n xumuruun mo’ate.

Isatti aanee atileetiin Itoophiyaa biraa Moosinnat Garramaw lammaffaa bahuun meetii argate.

Atileetiin Belejiyeemiif fiigu Bashiir Abdii sadaffaan xumure.

Morkattuun Itoophiyaafi atileetiin ishee tokko qoricha si’eessuun dorgommiirraa haqame, Keeniyaan, dorgommii kana irratti medaaliyaa hin arganne.

Dorgommii maraatoonii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa kana irratti Atileet Leellisaa Deesisaa, Atileet Mossinnat Garramoo, Atileet Sayifuu Turaafi Taammiraat Tolaa turan Itoophiyaarraa kan hirmaatan.

Sayifuun jahaffaan yoo xumuru, Leellisaan dorgommii hin xumurre.

Leellisaan bara 2019 dorgommii Dohaa qilleensa ho’aa qabdu keessatti dorgomameen shaampiyoonaa addunyaa ture.

Atileet Mosinnat Garramaw bara 2019 irrattis lammaffaa ta'un xumure

Mosinnat kana duras shaampiyoonaa 17ffaarratti Leellisaatti aanuun lammaffaa bahuun xumuree ture.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, Oregoonitti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti warqee lama argatteetti.

Dorgommii dubartootaa fiigicha fageenya meetira 10,000tiin kaleessa Atileet Lattasanbat Giday daqiiqaa 30.09.94’tiin xumuruun medaaliyaa Warqee Itoophiyaaf argamsiifteetti.

Galgala har’aas dorgommiin 10,000m dhiiraa Itoophiyaan medaaliyaa itti argatti jedhamee yaadame ni taasifama.

Dorgommii kanarratti Salamoon Baaraggaa, Barrihuu Aragaawwiifi Taaddasaa Warquu ni hirmaatu.

Salamoon atileetii waggaa darbe Olompikii irratti fageenyichaan warqii takkittii biyyattiin argatte kan galmeessisedha.

Barrihuun yeroos sadarkaa afraffaan xumure.

Atileet Taaddasaan Hagayya waggaa darbe Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadiirratti hirmaatee medaaliyaa lama argate.

Dorgommiiwwan kanaan ala dorgommiiwwan gulaallii atileetonni Itoophiyaa itti eegamaniis ni taasifama.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *