
Baarollee dhukkuboota gogaa namaa irratti mul’atan/bahan kan faangasii gogaa keenya irra jiraatuun dhufu dha. Faangasiin rakkina gogaa kana fidu ijaan argamuu baatuyyu gogaa nama hundaa irra kan jiraatu/argamu yoo ta’u, sababni inni namoota tokko tokko irratti rakkoo akkasii fiduuf guutummaan guututti kan beekamuu miti. Haa ta’u malee fangasiin kun qilleensa ho’aa jiidhaa ta’e( hot and humid) waan filatuuf namoota naannoo akkasii jiraatan biratti baay’inaan gogaa irratti walhoruun dhibee kana fida. Akkasumas namoota gogaan isaanii zayita hedduu qabu biratti baay’inaan mul’ata. Kareeleen inni itti daddarbus tuttuqqiidhaan ykn uffata nama dhibee kana qabuu uffachuunidha.
Dhibee gogaa kana ofuma keenyaan manatti ofirraa balleessuu waantonni nufayyadan;-
*Qullubbii adii rurukkunnee bulleesuun jiidha isaa iddoo gogaa rakkina kana qabuutti dibachuu. Daqiiqaa soddoma booda bishaan qulqulluun dhiqachuu. Yoo xiqqaate guyyatti al lama akkas gochuu.
*Cuunfaa Loomii walakkaa siinii bishaan siinii bunaa tokkotti maknee bakka sanatti dibachuun erga halkan tokko ofirra bulchinee booda dhiqachuu.
*Nadhii dammaa (damma uumamaa) haphisnee gogaa hubame san irratti dibuun sa’a lama ofirra tursiisnee dhiqachuu. Kanas guyyaa guyyaadhaan torbaan lamaaf gochuu.
*.Itittuu aannanii haphifnee daqiiqaa soddomaaf dibachuu san booda qulqullessinee dhiqachuu.
Karaa yaala ammayyaaan – Ogeessi fayyaa dhibee kana erga dhibeewwan gogaa kana fakkaatan biroo irraa adda baasee booda qoricha ajaja. Dibannii fi shaampoon adda addaa kan qoricha farra fangasii of keessaa qaban hedduutu jiru waan ta’eef isaan keessaa tokko isiniif ajajuu. Haa ta’u malee dhibeen kun yeroo biraa ofumaa deebi’ee mul’achuu danda’a —> yeroo kanas dibata barbaachisa.
Dhibee kana Ofirraa ittisuu( akka hindeebines ta’e hinqabneef)
*Uffata ofitti baay’isuun uffachuu dhiisuu.
*Waanta aduu ittisu (sunscreen) fayyadamuu.
*Dibata zayitii hedduu hinqabne fayyadamuu(non-oily).
Qorichoota ittisoo qaamaa gadbuusan ajaja ogeessaa malee fudhachuu dhiisuu.
*Kudaraaf muduraa ittisoo qaamaa cimsan nyaachuu.