
Finfinneefi magaalota Itoophiyaa adda addaattii balaan ibiddaa irra deddeebiin lubbuu namaafi qabeenya galaafate mudachuu itti fufeera.
Kanaaf sababi lakkoofsi namoota meeshaalee elektirikii fayyadaman dabaluu, hanqina of eeggannoofi kaan ta’uu Dubbii Himaan Komishinii Ittisa Ibiddaafi Hooggansa Sodaa Balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Obbo Nigaatuu Maammoo himu.
Magaalaa Finfinneetti baatiiwwan sagal darban balaa ibiddaa mudatan keessaa 90% kan mudatan hanqina of eeggannoon ta’uu dubbatu. Dhibbantaa 10 immoo rakkoo humnaa oliin ta’uu BBC’tti himan.
Rakkoo of eeggannoon mudatan keessaa 85.5% kan caalu akkaataa shuboon elektirikii itti diriirfame waliin akka walqabatu himan.
Komishiniin Ittisa Ibiddaafi Hooggansa Sodaa Balaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee balaawwan tasa mudatan to’achuurratti hanqina qaba jedhamuun qeeqama.
Garuu rakkooleen biroos jiru.
Manneen walitti dhihaatanii ijaaramuu, daandiin mijataa ta’uu dhabuu, manneeniifi gamoowwan balaa ibiddaa ittisuuf haa toluun ijaaramuu dhabuunis rakkoo biraati.
Dhaabbati isaanii buufata sagal akka qabuufi buufata tokkotti konkolaattonni ibidda to’achuuf oolan afur akka jiran kan himan Obbo Nigaatuun, ta’us guddina magaalattii waliin gahaa miti jedhu.
Akka fakkeenyaatti gamoo guddicha Baankii Daldalaa Itoophiyaa dhihoo eebbifamerra osoo balaan ibiddaa dhaqqabee meeshaa ittiin to’atu akka hin qabne himan.
Gamooni kuni lafarraa 209.15m kan dheeratu yoo ta’u, darbiiwwan 53 qaba. Gamoon baankichaa tekinolojii osoo balaan hin dhaqqabiin hubachiisu akka qabu himu.
Gamoowwan kaan yoo balaan dhufe karaatti bahaniifi to’atan akka hin qabne dubbatu. Baay’ee isaaniif meeshaan ibidda dhaamsu tolfamuufis baay’een isaanii hin dalagani jedhu ogeessi kuni.
‘Helikooftara hin qabnu’
Biyyoota guddatanitti xiyyaaraan balaa ibiddaa ka’e dhaamsuun waan baramedha.
Waajjirri Muummee Komishinii Ittisa Ibiddaafi Hooggansa Sodaa Balaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yeroo ijaaramu bakka helikooftarri qubatu tolfamee ture.
Haa ta’u malee, dhaabbatichi helikooftara hin qabu jedhan Obbo Nigaatun.
Balaa ibiddaa Finfinnee qubatuun ala paarkileetti yeroo balaan ibiddaa mudatullee xiyyaarri itti dhaamsan dhibuun rakkoo ta’ee tureera.
Osoo balaan hin dhaqqabiin maaltu taasifamuu qaba?
Komishinichatti ogeettii olaantuu kan ta’an Aadde Immabeet H/Mikaa’el dursa hawaasi hubannoo qabaachuu qaba jechuun gorsu.
Dhaabbileeniis biratti osoo balaan qunname karaatti ittisuun danda’amu qophaa’uu akka qaban himu.
Kuni meeshaalee gamoowwan itti ijaaraman akka dabalatu dubbatu.
Warshaaleen, baankiiwwaniifi kaan meeshaan dheedhii isaan irraa ijaaraman tajaajila keennanirraa adda ta’uu qaba jechuun himu.
Gamoowwan yeroo ijaaraman karaatti ibidda dhaamsuun danda’amu, waan ittii dhaamsan, meeshaa balaa dursee hubachiisu tolchuufi kanas kan hordofan ogeeyyii qopheessuun akka barbaachisu himan.
Yoo balaan mudatees karaa miliqan, balbala itti bahan, balbala ibiddi hin gubne qabaachuufi kaanis akka barbaachisu eeru.
Mana keessas yoo ta’e manneen akka walitti aananii hin ijaaramne gochuu, of eeggannoon silindarii gaazii fayyadamuu, sokkeetii elektirikii erga itti dhimma bahan booda buqqisuu fa’I gorsu.
Balaa booda hoo maaltu taasifamu qaba?
Erga balaan ibiddaa qaqqabeen booda waanuma argameen ibidda dhaamsuuf yaaluun dura ka’umsa isaa baruun barbaachisaadha.
Meeshaaleen ibiddii ittiin dhaamu kanneen dhaabbilee gurguddoo irratti qabsiifamanis haaluma tajaajilawwan gamoowwan irratti kan hundaa’e waan ta’eef, ibiddi wayita ka’utti oggeessootaan fayyadamuun caalaa barbaachisaadha.
”Balaan mudatu hundi wali hinfakkaatu” kan jedhan oggeessi tun, kanaafu ibiddi hundi meeshaa wal fakkaatu balleessuun hindanda’amu jedhu.
Ibidda bishaaniin, foomii, kaarboondaayikosaayid fi daakuu kemikaala gogaan balleessuun danda’ama jedhu. Kunneenis haaluma ibiddaa irratti hundaa’un faayidaarra kan oolfaman.
Fakkeenya ibiddi kan ka’ee buufata boba’aa, mana dhugaatii, mana zayitaafi dibataa, bakka haalluun itti omishamuufi gurguramutti yoo ta’e, bishaaniin dhaamsuuf yaaluun hin baasu.
Ibidda bakka dhangala’aan boba’u danda’u jiruutti ka’e balleessuuf harka 90 foomiitti fi harki 10 bishaan fayyadamuun gaariidha.
Bakka wanti gogaan boba’u jiruutti ammo bishaan fayyadamuun gorfama.
Dhaabbilee faayinaansi, baankii, mana kitaabaa, mana kuusaa, muziyeemii fi bakkeewwan galmeen kuufamaniitti ibbiddi kaanaan kaarbondaayi oksaayid fayyadamuun barbaachisaadha.
Ibidda balleessuu kan qabu eenyu?
Ibiddi wayita ka’uutti ibidda dhaamsuuf hunduu hirmaachu qabaa? Ibidda sadarkaa kamirratti argamutu oggeessa malee baduu danda’a? Namoonni bakka ibiddi itti ka’e jiran maal gochuu qabu?
Oggeettiin tun akka jedhaniitti, balaan ibiddaa sadarkaa sadiitu jira. Tokko jalqabbii yoo jedhamu, kaan ammo guddina irra kan jiruufi ibidda du’e jedhama.
Waan ta’eefu namoonni mana jireenyaa ykn dhaabbata ibiddi itti ka’e keessa jiran balleessuu kan danda’an ibidda sadarkaa jalqabbii irratti argamudha.
Ibiddichi kan babal’ataa jiru yoo ta’e garuu namoonni bakka ibbiddii itti ka’e sana dhiisanii bahuun bakka tokkootti walitti qabamuun dhaabbata to’annoo balaa ibiddaatiif bilbilu qabu.
Balaan akkas wayita mudatuutti oksijiinii gara manaa seenu hir’isuufi ibiddii akka hin babal’anne gochuuf karraaafi foddaa cufanii bahutu gorfama.
Wayita balaan mudatuutti namoonni ni nahu. Tarii waan raawwatan jalaa badu danda’a. Kanaafuu murte lubbusaanii balaaf saaxilu murteessu danda’u.
Bakka tajaajjilli balaa ibiddaa dhaamsu jiruutti bilbiluun barbaachisaadha.
”Yeroo balaatti dursi lubbuu namootaatiif kennamu qabaata,” jedhu oggeettiin tun.
Namni hafe yoo jiraatees odeeffannoo kennuu, seensaafi karra bahaa agarsiisuun hojjatootta yeroo balaa gargaaruun barbaachisaadha jedhu.
Magaaloonni fi ollaawwan jireenyaa babal’ataa jiru. Haata’u malee, gamoowwan manneen jireenyaa namoonni hedduun keessa jiraatan dabalatee gamoowwan motummaa wayita ijaaramaniitti dhimmoota of eeggannoo nageenyaatiif barbaachisan xiyyeeffannaa keessa hin galchan.
Irra jiraan isaanis karaa wayita balaattii ittiin miliqamu hin qaban. Kaan isaaniis meeshaan balaa ibiddaa ittiin balleeffamu hin jiru.
Keessattuu ollaawwan jiraattonni madda galii gadaanaa qaban baay’ee kan walitti siqaniifi balaa to’achuuf kan hin mijoofne akkasumas daandii keessoo kan hin qabneedha.
Haalli kunis balaan lubbuu namootaafi qabeenyaa irra gahu akka cimu taasisa.
Haata’u malee, dhiheenya kana keessa qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin ta’un hir’ina kana guutuuf hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, xiyyeeffannaa olaanaan kennamuuf akka qabaatu yaadachiisu oggeettiin tun.