
Balaqqamni yeroo imalaa deemsa konkolataan, baaburaan, xiyyaraan, doonii fi kkf goonu hunda irratti mul’achu kan danda’u ta’ee imala san xumurre yeroo xiqqoon booda kan dhaabbatudha.
MALLATTOO
- lollocccii ykn haqqisiisuu
- dafqisiisuu/Hurkisiisuu
- akka waan garaan guutamee namatti dhagahamuu
- lafti namaan maruu
- dadhabbii
- mataa dhukkuubbi/bowwuun namatti dhagahamu danda’a.
KAUMSA
Ergaan qaama madaala keenya eegu (Keessa gurraa) bira gahuu fi ergaan ijji keenya argee dabarsuu ;hikkaa sammuun keenya itti kennun Waldhabuu irraa dhufa jedhamee yaadama. Innis otoo imala irra jirru tasa nu qunnamuu danda’a. Namaa namattii garaa gara.
WANTOOTA NAMATTI JABEESSAN
- Ija keenyaan wontoota bakkee/ala dhihoo jiran hordofuu
- Yeroo imalaa jiran dubbisuu
- Haasa’aa deemuu
- Mataa keenya sosochoosuu
- Folii boba’aa
- Folii sigaaraa
- Karaan irra deemnu marama ta’uun
- Tessoo gara duubaa irra ta’uun.
- Garaa duwwaa ykn garmalee quufanii imaluu
ITTISA ISAA
- Wontoota isa nutti jabeessuu danda’an kan armaan olitti eeraman kan foyyessuu ykn ballesssuu dandeenyu ballessuu/foyyessu.
- Gara samii ykn waan fagoo dhaabbataa ta’e kallatii deemsa imalaa keenya irra jiran ilaala imalu. Yoo danda’ame rafuu.
- Deemsa dura nyaata zayitiin ykn dhadhaan itti baay’ate, akkasumas alkoolii dhuguu dhabuu.
- Deemsa dura nyaata hedduu/baay’isnee nyaachu dhabu, akkasumas Garaa duwwaa /utuu hin nyaatin imaluu dhabuu.
- Hancaqee/Maastikaa alanchuu. Zinjibiloo fayyadamuu.
- Haaluma danda’ameen waan isaa yaada imaluu dhabuu.
- Loomii fi jinjibila fayyadamuu
Dabalataan qorichoota balaqqama kana hambisuuf kennaman/fudhataman kan otoo imala hin eegalin sa’a tokko ykn daqiiqaa 30 dura fudhataman waan jiraniif mana qorichatii fudhachuu.