
Barsiisaan daa’ima reebee ajjeese to’annoo jala oole
Naayijeeriyaatti barsiisaan oolmaa daa’immanii fi mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa daa’ima umuriin isaa baatilee 19 reebee ajjeese to’annaa jala oole jedhe poolisiin.
Daa’ima reefu deemsa eegale kana qaama isaarratti dirmammuun hedduu kan argame yoo ta’u Wiixata akkuma reebameen dhibamee mana yaalaa geeffamus lubbuun isaa hin oolle.
Barsiisaan ilma abbaa qabeenyaa mana barnootaa kutaa biyyaa Deeltaa keessa jiruu ta’e kun, daa’imni kun bishaaniin osoo taphataa jiruu qabee akka reebe poolisiin himeera.
Himannaan lubbuu namaa baasuu akka isa eeggatus poolisiin beeksiseera.