
Bishaan ho’aan mana keessanitti akkamitti utaalloo, qufaa, saayinasii fi goggoga keessoo funyaanii, cufamuu keessoo funyaaniif dhukkubbii qoonqoo yaalamuu dandeessu?
Dhibee utaalloo(diifafa) fi saayinasii irraan kan kahe qufaan, Funyaan nu cufamuuf qoonqoon nu dhukkubuu danda’a. Yaalii mana keenyatti hundi keenya gochuu dandeenyu keessaa tokko istiimii bishaan ho’aan galuudha. Kunis mukasii Funyaan keessaa qal’isuun akkasumas hiddoota dhiigaa akka dhifaman gochuun mallattoowwan akka qufaa, goggoga funyaaniif cufamuu funyaanii yaaluu keessatti gahee guddaa qaba.
Akkamitti fayyadmna? Tartiiba armaan gadii hordofuu qabna.
- Bishaan meeshaa itti ho’ifamuun sirriitti ho’isaa
- fooxaa ykn erbee giddu galeessa qopheeffadhaa
- bishaan erga go’ee booda meeshaa bishaan sana qabachuu danda’utti guutaa
- bishaan sana erga itti naqtanii booda fooxaa ykn erbee saggoo keessanirraa hanga fuula keessaniitti haguuguun 25Cm- 50cm bishaan sanarraa fagaachuun ho’asaatti itti gadi jechuu.
- erga gadi itti jettanii booda daqiiqaa 2-5 aara bishaan sanaa karaa Funyaan keessanii suuta hanga dhumaatti gara keessaatti fudhachaa baasaa. Guyyaatti yeroo 2-3 tooftaa kana fayyadamuun mana keessanitti yaalamuu dandeessu!