Bunni faaydaa akkamii qaba?

BUNAA fi faayida Isaa
Dhalli nama buna dhuguu kan eegale jaarraa 15 ffaa dha as akka ta’e ragaan nimul’isa. Yeroo ammaa kana akka addunyatti bunni dhugaatiiwwan hedduminaan dhugaman keessa tokko ta’uu ni beekkama.
Bara durii biyyoonni lixaa fi awroppanonni bunni dhugaati araboota qofa jedhanii waan yaadaniif buna akka hin dhugne taasisaa turan,..

1.Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan mul’isu bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2 diabetes mellitus) nurra ittisuu akka danda’uudha kan ifoome. Dhukkuba sukkaara yeroo amma akka addunyaati nama miiliyoonni 350 oltu ittin rakkataa jira. Namni buna dhugu carraa dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 25haga50tiin (100%25-50)gadi buusa.

  1. Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti hir’isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun sammuu keessattii(stroke) walqabataa waan ta’eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa ta’uu maluu nurra dhorka.

3.Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha
alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan hoolachuu fi deemsaan qususu..kun waliigalatti” parkinson’s disease” jedhama.

Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda irranfachuu..”Dementia/Alzheimer’s disease “jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin isaanii 65 ol ta’e irratti mul’atu. Dhukkuboota yaaluuf rakkisaa ta’aniidha. Namooni buna dhugan carraan dhukkuboota kanaan qabamuu ofirra ittisu.

4.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu parsantii 40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari’imaanii parsantii 15 niin gad buusa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *