Cidhaan dhiiraa osoo gadi rarra’uu baateera ta’ee maaltu uumama ture?

Cidhaaniin osoo gadi rarra’uu baatee hoo??
Osoo cidhaaniin dhiiraa lachuu gadi rarra’uu baattee garaa keessatti haftee jirti ta’e, hundumti keenyayyuu har’a hin jiraannu ture.


Haalli teessuma qaamota keenyaa hundi isaa nama ajaa’ibsiisu, isaan keessaa immoo, keessattu kan cidhaanii, kan itti uummamtu garaa keessatti, garuu tibba ulfaa gara dhumaa (da’umsa dura torbeewwan gara dhumaa) irratti garaa keessaa gara baattuu cidhaaniitti gadi buuti, darbee darbee garuu daa’imman tokko tokko osoo cidhaaniin tokko ykn lachuu gadi hin bu’in illee dhalachuu danda’u, da’umsa booda hanga ji’a 6tti garuu ofumaan gadi buuti, hanga yeroo kanaatti gadi hin buutu taanan mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.


Sababbiin cidhaaniin garaa keessatti uummamte gadi buutuuf, cidhaaniin hojii ishee hojjechuuf iddoo ho’i isaa jiddu galeessa ta’e, garuu hoo’a qaamatii gadi ta’e filatti, kanaafi baattuun cidhaaniis yeroo qorraa walitti butamuun yeroo hoo’aa immoo diriiruun akka cidhaaniif mijatuutti kan of- jijijiirtu.
Isheenuu hoo’a baqattee gadi dhuftee nuti immoo wantoota hoo’a naannoo sanitti dabalan fknf paantii baayyee dhiphaa, koompiwutera (PC) naannoo san goonee yeroo dheeraaf ciifnee fayyadamuu fi kkf gochuudhan ishee rakkisu hin qabnu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *