Ciniinnaa/Hiddamiinsa bofaa/Snake Bite/ fi Furmaata isaa.

Ciniinsuun bofaa bakka lamatti qoodama. Summaawoo/kan hadhaa qabu fi kan summii/hadhaa hin qabne.
bofti summaawoon gosa irratti hundaawun summii gara garaa qaba. Summiiwwan kunis

A. ” Cytotoxins”: kun dhiitoo uumuu fi Tishuuwwan burkuteessa

B. “Heamorrhagens”: Ujummoo dhiigaa diiga.

C. “Anti-clotting agents: Dhiigni akka hin ititne/kantarre taasisa.

D. “Neurotoxins”: Qaama ni laamshessa, niiwuroonoota ni miidha

E. “Myotoxins” : Maashaa caccabsa.

Mallattoolee

Mallattooleen gosa bofaa irratti hundaawuun garaagara.

bofti summii hin qabne dhiitoo fi diimina bakka hiddame sanatti qofa fida.

Warreen summaawoo garuu:

1.ciniinnaa(madaan) bakka lama jiraachuu/two puncture wound)

2.bakki ciniiname/hiddame dhiitaúu fi diimachuu

3.bakki ciniiname dhukkubuu
bofti hundi naman dhukkubsu.fkn bofti “coral” dhukkubii hin qabu. garuu nama ajjeesuu dandaha.

4.ija namaa dura dukkaneessuu

5.balaqqamuu/haqqisiisuu fi miirri hooqqisuu namatti dhagaaámu

6.qilleensa fudhachuu/hargansuu dadhabuu

7.gororuu fi dafquu

8.qaamni keenya nu hadooduu

  1. Funuunuu fi qaamni dhiiga naqachuu
  2. Kalee dadhabsiisuun fincaan dhabamuu.
  3. Dhiitoo qaamaatii fi hafuura fudhachuu dadhabuu.

Gargaarsa hatattamaa godhamuufii qaban

  1. Bakka ciniiname/hiddame sana dhiquu.
  2. Namichi bofaan hiddame akka hin sochoone/deemne ittisuu, adeemuun hadhaan sun akka dafee/saffisaan qaama keenya deemee oonnee dhaqqabu taasisa.
  3. Bakka hiddame hidhuu dhiisuu
  4. Bakka ciniiname sana onnee keenyaa gaditti gad qabuu(fknf harki yoo hiddame harka sana gad qabuu ykn onnee keenyaa olitti ol kaasuu dhiisuu
  5. saátii inni itti hiddee fi halluu bofichaa adda baafachuu/suura kaafachuu malee boficha ajjeesuu fi qabuuf yaalii godhuu dhiisuu.
  6. Qoricha/daawwaa kamiyyuu hamma ogeessa fayyaa ykn mana yaalaa gaútti kennuufii dhiisuu
  7. Cabbii fi waan diilalla/qorraa bakka hiddamerra kaaúu dhiisuu
  8. Bakka hiddame kutanii gatuu dhiisuu
  9. Uffata qaama qabee/maxxanee(tight) taée jiruu fi faaya akka warqii,qubeelaa fi kkf dafanii irraa baasuu,yoo dhiita’e irraa baasuuf nama rakkisaa waan ta’éef
  10. Xiqqoo Yoo dhiigeef gaarii waan taheef daqiiqaa tokkoof itti dhiisaa.
  11. Nama bofi hidde sana hatattamaan mana yaalaan gaúudha.

Yoo bofa tokkoon ciniinamtee fayyite farra summii sanaa qaamni kee ni oomisha. garuu bofuma sanaaf malee bofa biraatiif si hin fayyadu. Kanaaf bofni tokko bofa biraa summii isaatiin kan ajjeesuuf.

Namichi “Bill Haast” jedhamu yeroo 173 bofa of ciniinsisee ture. kana keessaa 20 ol summii kan qabanidha. kanaanis farra summii bofa hedduu uummateera. warreen bofaan iddaman baayyeef dhiiga isaa arjoomeera.

Bofti erga du’een boodas ykn erga qaamni biraa irraa citees mataan nama ciniinuu dandaha. kanaaf of eeggadhaa.

Bofti du’e garuu hin fayyu!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *