
Daldaltoonni Zayita nyaataa fi meeshaalee dheedhii biroo seeraan ala dhoksanii fi godaansisaa turan to’ataman.
Magaalaa Finfinneetti daldaltoonni Zayita nyaataa fi meeshaalee dheedhii biroo seeraan ala dhoksanii fi godaansisaa turan to’atamuu ibsameera.
Bulchiinsi magaalichaa daldaltoota seeraan ala midhaan nyaataa dhoksanii fi godaansiisan to’achuuf koree hundeessee gara hojiitti galuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan korichi guyyaa kaleessaa shakkamtoonni Zayita nyaataa dhoksaan godaaansiisaa turan to’annoo jala oolcheera.
Akkasumas qaamolee mootummaa fi ummata walitti buusuuf daballii gatii taasiisuun hawaasa dhidhiphisaa jiran to’annoo jala oolchuuf eeruu ummatarraa argameen hordoffiin taasiisamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksiiseera.