Dammi dhuguma Haarrii/aarrii rifeensaa fidaa?

Gabaabumatti deebiin kanaa “LAKKII”kan jedhu yoo tahu faallaa kanaatiin dammi rifeensa bareechuufi laaffisuuf dibatoowwan rifeensaa gara garaatti ni makama.

Umamaan keemikaalli hydrogenperoxide jedhamu rifeensa keenya keessatti argama. Enzaayimiin catalase jedhamu keemikaala kana gara bishaanii fi oksiijiiniitti akka diigamee bahu godha. Umuriin akka guddaataa deemeen enzaayimiin catalase nama keessaa dhumaa deema. Hydrogenperoxide rifeensa keessatti kuufamaa deema. Hydrogen peroxide halluu rifeensaa gara adiitti jijjiiraa deema. uMrii malee rifeensi kan addaatu yoo waantonni armaan olii kun daddafanii raawwatamanidha. Umrii malee rifeensi addaachuun dhukkuba miti! Garuu bareedina (cosmetics) waliin waan walqabatuuf halluuwwan garaagaraa fayyadamuun ni danda’ama.

Umrii malee rifeensi addaachuun aarii (stress) waliin wal hin qabatu. Qorannoon tokko tokko hir’ina vaaytaamin B12 tu fida jedhanii heeru! Kanaaf vaaytamina kana soorachuun akka inni dafee hin dhufne gochuu dandaha. Dibatoowwan aarrii balleessu jedhamanii gurguraman hundi halluu rifeensa biqilee jiruu jijjiiru malee rifeensi ganaa biqilu akka aarrii/haarrii hin qabaanne hin taasisan.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *