Dammi qulqulluun madaa akka fayyisu ni beektuu?

Dammi qulqulluun kallattiidhaan qaama madaa’e irratti yoo dibame madaan sirritti akka fayyuu fi hariifatee akka fayyu waan taasisuuf, yeroo tokko tokko sadarkaa mana yaalaatti illee ogeeyyiin fayyaa ni fayyadamu. Kanas kan taasisu dammi farra baakteriiyaa waan ta’ee fi akkasumas amala kulkula qaamaa hir’isuu (anti-inflammatory properties) waan qabuufidha.

Dammi dabalataanis faayidaalee armaan gadii kana qaba.

  • Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha.
  • Madda annisaa isa guddaadha
  • Sukkaarri damma keessaa kan biroo irra qaamaaf gaariidha
  • Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata.
  • Hirriba gaarii akka rafnu gargaara.
  • Coomni qaama keessa akka hin baay’anne taasisa.
  • Qufaan/utaalloo akka nurraa dafee fooyya’u taasisa.
  • Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *