‘Daran cimaadha, ta’uus garuu ni danda’ama’ – Leenjisaa Liivarpuul Kiloop waa’ee waancaa irratti

Leenjisaan Livarpuul Yargan Kiloop erga gareensaa 2 fi 1n Saawuzihampitan injifate booda, Maanchistar Siitii irra aananii waancaa mo’achuun ”ni dhufa jedhee hin yaadu, ta’us garuu waan danda’amudha,” jedhan.

Maan Siitiin guyyaa Dilbataa Aston Vilaa kan keessummeessu oggaa tahu, qabxii tokkoon Liivarpuul dursa. Liivarpuul ammoo tapha xumuraan Wolvis wajjiin morkata.

Ji’a Fulbaanaa keessa Liivarpuul qabxii 15n Siitiin caalamee durfamaa ture. Ergasii garuu taphoota 17 keessaa 15 mo’achuun, lama walqixa baheera.

”Hanga ammaa abdii hin kutanne, ni yaalla,” jedhe Kiloop.

”Dirree keenyarratti tapha xumuraa taphanna. Miirri dirree keessaas ajaa’iba taha. Kana ni fayyadamna. Hojii nurraa eegamu hojjechuu qabna. Kubbaan miilaa keessa waanti tahu hin beekamu. Waan dhufu ni laalla, garuu ofirratti xiyyeeffachuu qabda.”

”Kun kubbaa miilaadha. Nan yaadadha yoo tahe Siitiin [2019tti] shaampiyoonaa kan tahan miliimeetira 11 ture. Qaamni wahii shaampiyoona akka taanu barbaada taanaan, dursa nuti mo’achuu qabna, Aston Viilaa ammoo Siitiirraa qabxii argachuu qaba.

”Anillee otoon bakka isaanii tahee, waancaa fudhachuun keenya mirkanaa’eera jedhee hin yaadu. Akka garee lammaffaarra taahee jirutti ammoo, Siitiin tapha sana ni mo’ata. Kun kubbaa miilaadha.”

Kiloop tapha Kibxata galgalaan taphattoota hedduu jijjiiraniiru – tapha FA Cup Sambata Cheelsii wajjiin taphatanii waancaa kaasan irratti kanneen taphatan keessaa sagal taphattoota biroo turan.

Gareen kun Cheelsii marroo lama mo’achuun waancaa lama kan kaasan oggaa tahu, Paarisitti ammoo Chaampiyoons Liigiif Caamsaa 28 Riyaal Maadrid wajjiin morkatu.

Tapha galgalaan Liivarpuul galchii Nathan Redmond galcheen durfamaa turanis, gooliiwwan Takumi Minamino fi Joel Matip galchaniin irra aananii bahaniiru.

Kanarrattis Kiloopp: ”Taphattoota sagal jijjiirree haalli itti taphanne ajaa’iba ture.

”Tapha dansaa, gahumsa ajaa’ibaa… Kan milkaa’uu danda’e sababuma taphattootaani. Silaa otoo milkaa’uudhaa baate, %1,000 itti gaafatamummaa koo taha ture.”

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *