Dhidhiibduun uummata keenya biratti nama caba lafee qabuu fi miidhama, meelannaa buusaa lafee qabu kan dhidhiib(d)ee fayyis(t)udha. Kanaan dhidhiibduun yeroo dheeraadhaaf faayidaa yookiinis fayyina caba lafee fi meelannaa qaamaa yaalaa kan turanii fi ammas yaalaa jiranidha. Kunis bakka ogeessi fayyaa kan ogummaa isaa bifa saayinsaawwaan barate lafa inni hin jirretti bu’aa garaagaraa kennaa jiru. Haa ta’u malee garuu ogummaadhuma kanaan wal qabatee gurra namaatti kan hin tollee fi haamilee namaa kan cabsu rakkoon garaagaraa uumamaa turaniiru; ammas uumamaa jiru.


*Fakkeenyaaf, ijoollee xixiqqoo dabalatee yeroo garaagaraatti akka harki isaanii irraa cituuf (muramuuf) sababa ta’aniiru yoon jedhe homaa soba tokko illee hin qabu. Kunis kan inni uumamuuf, haala aadaa kanaan gaafa caba sana dhidhiibanii xumuran “shonboqqoo” tatarsaasanii harka yookiin miilla cabe sana naannessanii, jabeessanii hidhuudhaani. Kun akka cabni sun iddoo itti sirratee kaa’amerraa hin sochooneef kan gargaaru ta’us, hidda dhiigaa cufuun dhiigni gara harka ykn miilla hidhame sana gadjallaatti akka hin darbine waan dhorkuuf, qaamni hidhaa sanaa gaditti jiru du’uu eegala jechuudha. Kanaaf hanga danda’ametti gara ogeessa fayyaa hanga ga’anitti yaaliin caba sana utubu erga godhameefii booda gara mana yaalaatti erguun baay’ee filatamaadha. Kunis naannoo keenyatti wantoota argaman kan akka “kaartooniitiin” lafa cabe sana utubuu (naannessanii hidhuu osoo hintaane) gara mana yaalaa akka ga’u taasisuun nii danda’ama.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *