Dhiiguu irga ilkaanii maaltu fidaa?

  1. Kulkula irgaa (gingivitis): irgi kulkuke, ni diimata, xiqqoo dhiita’a, yoo rigatan ammoo ni dhiiga. Kun ammoo eegumsa ilkaanii ga’aa namoota ilkaan isaaniif hin goone baay’inaan mudata. Kana ofirraa hambisuuf ilkaan keenya yeroo yerootti qulqulleeffachuudha.
  2. Ilkaan yoo rigatan, yoo kan baay’ee humnaan rigan (too hard brushing) ta’e irgi fayyaan illee dhiiguu mala.
  3. Namootni dhukkuba sukkaaraa qaban, carraan irgi isaanii kulkuluu fi madaa’uu olka’aadha, akksumas, yoo madaa’e carraan dafee fayyuu isaa gadi bu’aadha. Kanaaf irgi isaanii dhiiguu danda’a.
  4. Dubartoonni ulfaas akkasuma carraan kulkula irgaa (gingivitis) qabaachuu isaanii olka’aa waan ta’eef ilkaan isaanii salphaatti dhiiguu danda’a.
  5. Hir’ina vaaytaamin C. Yoo vaayitaamin C qaama keessaa hir’ite, irgi diimatee dhiita’ee dhiiga.
  6. Hir’ina vaayitaamin K. Vaayitamiin K n dhiigni akka ititu taasisuu keessatti ga’ee ol’aanaa waan qabuuf, yoo qaama keessaa dhabame haala salphaan akka namni dhiigu taasisa.
  7. Xiqqaachuu pilaatleetii (seelii dhiigaa itituu dhiigaaf fayyadu) qaama keessaa. Kunis dhukkuboota gosaan hedduu ta’aniin kan dhufu dha.
  8. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman kanneen akka Warfarin (qolicha dhiigni akka hin ititne dhorkuuf kennamu) fi kkf.

Kanneen keessaa kan baay’inaan dhiiguu irga ilkaanii fidan: Ilkaan humnaan riguu (too hard brushing), kulkula irga ilkaanii (gingivitis) warreen jedhamaiidha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *