Dhiironni dhaabbii qaamaa hawwataa argachuuf utuu ifaajanii dhala malee hafu: Qorannoo

Akka qorattoonni adda baasanitti namoota bareedanii mul’achuuf jecha sochii jabina qaamaa hojjetan carraan daa’ima godhachuu suduudaan isaan miliqaa deema.

Dhaabbii gaarii qabaachuuf jecha keemikaala harka namaatiin bifa hormooniitiin hojjetame ‘Isteeroyiid’ fudhachuu fi qoricha molaa’uu ittisu fayyadamuun hormaatarratti dhiibbaa qaba.

Ogeessi saayinsii jalqaba dhimma kana adda baase Ameerkaa, Yuuniversitii Biraawon keessa kan hojjetan Dr Jeemsi Moosmaan jedhamu.

Haalli kun maqaasaaniirraa ka’uun ‘Mossman-Pacey paradox’ jedhamee moggaafame.

Akka Dr Jeemsi jedhanitti haalli kun abbaa warraafi haadha warraa ijoollee godhachuuf karoora qaban irratti dhukkubbii onnee fida.

“Dhiironni hedduun haalli wolhormaata isaanii maalirra akka jiru baruuf na bira dhufu, hedduun isaanii qaamni gurguddaadha” jedhu Dr James Moosman.

Dr Jeemsi yeroo doktireetii isaa Shefiildi keessatti barachaa turedha miidhaa Isteeroyiidiin qabu kan qorachuu eegale.

Akka BBC’tti himetti: “Qaamaan guddatanii mul’achuuf hedduu carraaqu, dhala namaa hunda caalanii fiixee gubbaa taa’uu barbaadu. Jijjiirama ofirratti uumuuf yaalan kana keessatti garuu waan baayyee dhabaa jiru. Haala addaatiin yoo ta’een alatti hedduun isaanii tibba quunnamtii saalaa raawwatan sanyii dhiiraa dhangalaasuu hin danda’an.”

Dr James Moosmanfi Piroofeesar Allan Pacey
Ibsa waa’ee suuraa,Dr Moosmanfi Piroofeesar Pacey qorattoota qorannoo kana

Gosti hormoonii furdina qaamaaf fudhatamuu ‘Anabolic steroids’ jedhamun dalagaa hormoonii dhiiraa testoostirooniin qabuun wal fakkaatu qaba.

Maashaa qaama keenyaa fufurdisuuf hormoonii sochii qaamaa hundaa si’eessuudhas.

Yeroo baay’ee namoota sochii jabeenya qaamaa hojjatantu fayyadamu.

Piroofeesar Allan Pacey yuunivarsiitii Sheefiliid irraa dabalataan akkana jedhu: “Wayita namoonni dhaabbii qaamaa bareedaa qabaachuuf akkasumallee dubartoota ofitti hawwachuuf mana ispoortii deeman nama hin dhibuu? Isaan kaayyoo biraa qabatanii deemanis haaluma saniin immoo carraan maseenummaa isaanii dabalaa deema.”

Isteeroyiidiin hormoonii sammuu xannacha pituutarii goowwamsuun akka waan cidhaan isaanii guddataa jiruutti akka yaadan godha.

Akka qarattoonni jedhanitti dhimmi kun kan dhiironni moluu balleessuuf qoricha fayyadaman waliin wal fakkaata jedhu.

Piroofeesar Pacey akka BBC’tti himaniti: “Carraan maseenummaa fayyadamtoota Isteerooyiid kan isiin yaaddanii ol-dhibbeenta 90 ta’a,” jedhu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *