
Akka qorannoon garagaraa ibsutti dhiirota guutuu addunyaa keessaa walakkaan ykn dhibbantaa 50 kan ta’an, dheerina qaama saalaa xiqqoo qabna, jaalallee/haadha manaa koo gammachiisuu hin danda’u jedhanii yaadu; faallaa kanaatiin immoo dubartootni dhibbantaa 85 (dubartoota 100 keessaa 85) kan ta’an, dheerina qaama saalaa dhiiraa, dhiirri ofii isaatiif xiqqoodha, jaalallee/haadha manaa koo gammachiisuu hin danda’u jedhee yaaduun gammadoo ta’anii jiru/quufanii jiruu, kana jechuun yeroo baay’ee dubartiin waa’ee dheerina qaama saalaa dhiiraa hin dhiphattu jechuudha jedha.
Jidduu galaan/avereejiidhaan dheerinni qaama saalaa dhiiraa hin kaane 7–12 cm dha yoo ta’u, kan ka’e immoo 12–16 cm dha.
Jiddu galaan/averejiidhaan naannofni (circumference) qaama saalaa dhiiraa hin kaane 8–10 cm yoo ta’u, kan ka’e immoo 10–12cm dha.
Dheerinni qaama saalaa dhiiraa hin kaane, dheerina erga ka’een booda tilmaamuuf hin oolu.
Dheerinni qaama saalaa dhiiraa baay’ee xiqqoofi yaala barbaada kan jedhamu osoo hin ka’in yoo 4cm ykn yoo ka’e immoo 7.5cm gadi yoo ta’eedha.
Dheerinni qaama saalaa dhiiraa dhala dhabuu waliin homaa hidhata hin qabu.
Waa’ee dheerina qaama saalaa baay’isaanii dhiphachuun rakkoo garagaraaf fknf, ofitti amanamummaa gadi buusuu, rakkoo ka’uu dhabuu ykn fedhii saalaa dafanii xumuruu fi kkf nama saaxila.
Walumaagalatti, fayyummaafi seeraan hojii isaa hojjachuun qaama saalaa dhiiraa naannawaafi dheerinaa oli waan ta’eef waa’ee kanaa dhiphachuu caalaa haadha manaa/jaalallee waliin mari’achuudhaan rakkoo yoo jiraateyyuu furmaata barbaduun baay’ee barbaachisadha.