Skip to content
Post Views: 680
Dhiirri tokko yeroo ispeermii dhangalaasu seeliwwan buuphaa cabsan miliyoona 300 ol gara qaama dubartii seena, garuu tokko qofatu buuphaa cabsa. Dhiirri tokko yeroo ispeermii isaa dhangalaasu qixa nyaata isaa guyyaa afurii balleessetti lakka’ama. Waanuma warri dulloome waa’ee walqunnamtii saalaa hin yaanne sinitti fakkaachuu danda’a, garuu dhugaan jiru akka himutti jaartiwwan addunyaa kanarra jiran sadi keessa tokko guyyaatti waa’ee walqunnamtii ni yaaddi, ni hawwitis. Uummata addunyaa kanarra jiru keessaa parsantii 5% qofatu guyyaa guyyaan walqunnamtii godha; parsantiin 20% guyyaa lama lamaan walqunnamtii saalaa akka godhan ragaan arganne ni mul’isa. Addunyaa kanarraa biyyi walqunnamtii saalaa yeroo baay’ee godhuun beekkamtu Giriiki( Greece). Dhiirri kamiyyuu jiddugaleessan yeroo 50 ol abjuudhan yeroo walqunnamtii saalaa raawwatu ni arga. Dhiironni fufurdaan dhiira qal’aa caala dachaa sadi walqunnamti saalaa gochuu irra ni turu. Dhiirota lafarra jiran keessa parsantiin 95% ol maastubeeshinii (fedhii ofiin ofbaasuu) ni raawwatu; Dubartoonni immoo parsantiin 75% ol masturbation ni rukutatu.
Biyya Ameerikaatti warri wal fuudhan sireetti aansee konkolaataa isaani keessatti walqunnamtii saalaa raawwatu. Ummanni Itoophiyaa (anaaf si dabalatee) iddoo ‘google search’ jedhutti jecha ‘walqunnamtii saalaa’ jedhu yeroo baay’ee search gochuun biyya isaani addunyaa irraa sadarkaa arfaffaa qabachiisaniiru. Dhiirri fiilmii walqunnamtii saalaa normal kan ta’e qofa yoo laale fedhiin isaa ka’uu danda’a; Dubartoonni garuu waanuma fedheen itti dhaabbachuu danda’a, fakkeenyaf yeroo goodatti sareen walgootu, harreen walkortu fi k.k.f yeroo argan shamarran fedhiin isaanii itti ka’uu danda’a. Dubartiin kamiyyuu jireenya ishii guutuu dhiira durbummaa ishii galaafate hin irranfattu. Kan nama aja’ibummoo nama biraatti heerumtuyyuu isa durbummaa ishii fudhate gaafa inni ishii waame kan hin dinne ta’uu ishiiti.
Related
Post navigation