DHUKKUBA TIRUU/DHUKKUBA SIMBIRAA/HEEPPATAYITASII


Dhukkubni Tiruu ykn afaan meedikaalaan Heppatayitasii kan jedhamu rakkoo fayyaa yogguu Tiruun teenya sababa gara garaatiin madoofte/dallante kan dhufuudha. Kunis hawaasa keenya biratti “Dhukkuba simbiraa” jedhamuun beekkama. Sababni moggaasa maqaa kanaas akka namootni baay’een jedhanitti
Dhukkubichi kan nama qabu yogguu simbirri halkanii fincaan ishee namarratti fincoofte jedhaniiti waan amananiifi. Dhuguma akkasiree? Deebii asii gaditti argattu.
Akkamiin Nama qaba?
Heppatayitasiin kan nama qabu fincaan simbirri halkanii waan nu tuqeef osoo hin taane yoo sababa gara garaan Tiruun teenya miidhamtee madooftedha.
Kan Tiruu miidhuu fi madeessu maali yoo jenne- kanneen armaan gadiiti:
Vaayirasii Tiruu/Hepatitis Virus/
Alkoolii baay’isanii dhuguu
Qorichoota Tiruu miidhan humnaa ol fudhachuu fi summii dhuguu ykn liqimsuu
Ummamaan qaamni isaanii keessatti summii Tiruu isanii midhuu namootni oomoishanis jiru/Autoimmune hepatitis/

Mallattoo Dhukkubicha maalfa’i?
1).Dhukkubichaaf saba kan ta’an gar-gar ta’us hundumtuu Tiruu madeessuun kan dhufan waan ta’eef mallattoon dhukkubichi agarsiisu baay’een wal fakkaata. Dhukkuba Tiruu bifa 2’n ilaaluu dandeenya:
Dhukkuba Tiruu Battalaa/Acute Hepatitis/
kun mallattoo dhukkubaa yeroo gabaabdudhaaf qofa mul’isee ofumaan badu kan danda’uudha.
Halluun ijaa fi gogaa qaamaa gara keellootti jijjiiramuu
Fincaan bifaan gurracha’uu
Garmalee nama dadhabsuu
Nyaata jibbisiisuu
Balaqqamsiisuu
Gara-kaasaa
Garaa dhukkubbii
Jismii/foon/ keessa nama nyaachuu
Ulfaatinni qaamaa sababa tokko malee hir’achuu
Dhagna gubsiisuus danda’a fi kanneen birooti.
Tiruu miidhamtee turte deebitee of haaromsitee hojii isheetti yoo deebite mallattoolee kun ni badu

2). Dhukkuba Tiruu tut-ture/Chronic Hepatitis/
Kun jalqaba yogguu tiruun keenya miidhamtu mallattoo tokkoyyuu osoo hin agarsiisne cal jedhee Tiruun keenya adadumaan miidhamaa adeemtee yogguu sadarkaa cimaarra geesse mallattoo kan mull’isuudha: mallattoolee armaan olii dabalatee kanneen armaan gadii agarsiisuu danda’a:
Balqama ykn boba’a dhiigaan wal make.
Garaa dhiitessuu, miilas dhiitessuu danda’a.
Hafuura kutaa
Itaa namatti galuu/confusion/

Akkamiin Ofirraa ittisna?
1.Vaayirasii Tiruutiin akka hin qabamne of eeguu. Talaallii Ogeessota Fayyaa hundaaf kennuunis egalameera. Hawaasni kunis haalli itti argatu jiraachuu danda’a.

  1. Alkoolii baay’isuu dhiisuu. Dhiirri qaruura lamaa ol, dubartii tokko ol dhuguu hin qaban guyyaatti.
  2. Qoricha kamuu ajaja fi akkaata ajaja ogeessa fayyaatiin qofa fudhachuu. summii fi nyaata summa’e irraa of eeguu.
  3. Namoota mallattoolee armaan olii irratti mulla’ate dhiiga isaanii fi dhangala’aa qaama isaanii keessaa bahu tuquu irraa of qusachuu. Namoota akkasii gara mana Yaalatti fudhachuu rakkoo isaa baruus barbaachisa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *