
Daa’ima argachuu ni sodaattaa?
Tokophobia/ Ulfaa’uu fi daa’umsa sodaachuu!
Ulfaa’uu fi daa’ima dahuu sodaachuun afaan fayyaatiin Tokophobia jedhama. Dubartoonni rakkoo kana qaban daa’umsa humnaa ol sodaatu. Sodaan isaanii kun sodaa fi dhiphina isa sirrii dubartiin kamuu sababa dhukkubbii yeroo ciniinsuutti isaan mudachuu danda’uuf agarsiisan irraa adda kan ta’eedha!
Sodaan isaan ulfa ta’uu irratti qaban dangaa darbuu irraa kan ka’e yeroo tokko tokko hanga guutumatti walqunamtii saalaa baqachuutti gahuu danda’u. Dabartoonni kun daa’ima argachuu ni fedhu. Garuu adeemsa ulfaa’anii hanga dahuutti jiru hedduu waan sodaataniif osoma daa’ima jaallatan daa’ima malee hafuu fa’a filatu. Yoo akka tasaa ulfaa’aan immo karaa ciniinsuutiin osoo hin taane karaa ” elective caesarean section”( karaa baqaqsanii hodhuu) tiin da’uu filatu!
Rakkoon kun shamarran kanaan dura dahanii hin beekne irratti akkuma mul’atu, haadhota kanaan dura dahanii beekanis guyyaa keessa mudachuu ni danda’a.
Eeruu
Rakkoon kun dhiibbaa guddaa jireenya dhunfaa fi hawaasummaa namoota sodaa kanaan hubamanii irratti dhaqabsiisu waan danda’uuf mana yaalaa deemuudhaan gorsa xiinsammuu fi yaala barbaachisu argachuudhaan rakkinicha furanii daa’ima dahanii hammachuun ni danda’ama.