DIBATAWWAN UMAMAA AVOKAADOO FI IRDII WALITTI MAKANII DIBACHUU

  1. Avokaadoo

Dibatni uumamaa, qulqullinaa fi bareedina gogaa qaama keenyaa ittiin eeggannu Avokadoo dha. Avokaadoo akkasumatti quncisnee yoo akka daqiiqaa 15 gogaa keenyatti dibanne, fayidaawwan armaan gadii kana nuu kenna:

  1. Gogaa jiidhaa taasisa, ni sooras. Vitamin E, lecithin, potassium fi nutrientota biroo hedduu qaama gogaa keenyaa gara alaatti argamu (epidermis) sooru.
  2. Kulkula (inflammation) gogaa irra bakka garagaraatti argamtu, antioxidant of keessaa qabuun akka fooyya’u godha.
  3. Madaa xixiqqoo, bakka aduun gube (sunburn), finnisoota xixiqqoo fi kkf gogaa fokkisisaan keemikaala amala anti inflammatory qabu avokaado keessatti argamuun ni foyya’u, baduus danda’u.
  4. Gogaan akka dulloomee hin mul’anneef hedduu gargaara (reduces signs of aging).
  5. Qeensi (nails) akka hin caccabnee fi gogaan mataa (scalp) akka waantoota addaa adaa akka foroforii (dandruff) dhaan hin hubamne gargaara.

Avokaado kallattumaan erga ijaa fi qola isaa irraa baafnee booda, fuula keenyatti dibnee erga rignee booda, daqiiqaa 15f achumatti dhiifnee, turtii kanaa booda bishaan ho’aan sukkuumaa irraa miicuu dandeenya.

Zayitiin avokaado kan supermarkets irraa faayidaaf kanaaf gurguramu ammoo galgala dibatnee, ganama ofirraa dhiquu dandeenya

2. IRDII Wild turmeric


Irdiin qabiyyee wantoota qaama keenya miidhan qolatu qaba(antioxidant and anti infalmmation) kanaanis faayidaan isaa:

  • Finniisa balleessuuf(loomii fi damma waliin)
  • Gogaa qaamaa bareechuu fi akka cululuqu/Ifu taasisuuf
  • Madaan akka dafee fayyu taasisuuf
  • Cittoof
  • Dhibee gogaa “psoriasis” jedhamuuf
  • Bubbuqqaa’u rifeensa mataa dhorkuuf

HUBADHAA:
nyaatarratti hammi xiqqoon gahaadha.yoo baayyate miidha qaba.
Namoonni “allergy” isaa qabdan hin fayyadaminaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *