
Intalli tun Harnam Kaur jedhamti. Lammii Engilaand yoo taatu bara 1990 dhalatte. Intalli tun dubarti biraa irraa waan adda isii godhu fuularraa areeda qabaachuudha.
Dubartii areeda qabdu agartanii beeytuu? Dhugaadha! Rifeensa fuularratti bahu (areeda) dhiira qofaatu baasa. Garuu, faallaa kanaa intalli tun areeda baasuun addunyaa ajaa’ibsiiftee jirti.
Akkasuma galmee seenaa dinqisiisoo addunyaa (Guiness World Record) irratti dubartii xiqqoo areeda baafte jedhamtee galmooftee jirti. Kana malees intalli waa hedduun dhiira fakkaatti! Amma inumaatu waltajjiilee garagaraa irratti haawasa adda addaa taasiisun namoota akka ofitti amanamummaa qabaatan kaka’umsa itti uumaa jirti!