
Odola bicuu garuu Bilaak Sii, Zimiinyi, keessatti baayyee lafa barbaachiftuufi tarsiimowaa taate ykn Snake Island [Odola Bofaa]-waraana Raashiyaan Yuukireen irratti banteen walqabatee bakka wanti ajaa’ibaa itti raawwatame taate.
Mootummaan Yukireen loltoota 13 odola xiqqashuu kana eegaa turanharka loltoota Raashiyaatti hin laannu jedhanii boombiin dhumuu beeksisuun galateeffachuuf akka jiru hime.
Yukireen odolawwan qabdu keessa odolli Zimiinyi(odola bofaa) odola xiqqashuu yeroo taatu, Raashiyaan Yuukireen irratti weerara erga raawwattee humnootni Raashiyaa lafa to’atan keessaa tokko.
Yukireen loltootni 13 odola sanirraa qabdu hundi harka keenya hin laannu jedhanii gootummaan boombi dhumuu gabaasa.
Humnoonni galaanaa Raashiyaa odolittii gahanii harka kennadhaa jedhanii ergaa yoo dabarsan loltootni kun sagalee tokkon abadan jedhanii jedha mootummaan Yukireen.
Ergasii humna galaanaafi qilleensaan boombii itti dhukaafameen dhumanii jedha mootumman.
Raashiyaan gama isheen wanti Yuukireen jettu dhugaa miti jechuun loltootni hundi harka kennatanii jiru, hi ajjeefamnee jetti.
Odeeffannoo kana ilaalchisee qaamni walaba ta’e mirkaneeffateeru hin jiru.
Odolli xiqqashuun kun galaana gurraacha(Black Sea) irratti naannoo Odeessaa jedhamurraa fageenya km 142 irratti argamti.
Sagalee waraabame kan mootummaan Yukireen gadhiise irratti loltootni dhumaniiru jedhamn kun humna galaanaa Raashiyaa waliin yoo dudubbatan ni dhagaahama.
”Kuni humna galaanaa Raashiyaati” jedha sagaleen tokko. ” Dhangala’uu dhiigaa hanqisuufi miidhama xiqqeessuuf hidhannoo keessan akka lafa keessaniin yaad isinii dhiyeessa. Yoo diddan boombiin isin fixna”
Sagalee dhugummaa isaa BBC’n hin mirkaneeffanne kana irratti loltootni Yukireen walitti erga dudubbatanii booda walii galanii ”kanuma” jedhu.
Achii booda deebii ”humna galaanaa Raashiyaa gaannama bu’aa” jedhu kennu.
Akka mootummaan Yukireen jedhutti kunniin jechoota dhumaa Raashiyaan haleeluu ishee dura warra odolittii eeganirraa dhagaahamaniidha.
Pireezidantiin Yukireen Voolodimiir Zeleneskii ”odola keenya Zmiinyi irratti, eegdonni daangaa hunduu hanga dhumaatti falmatanii gootummaan du’aniiru” jedhan.
”Haaa’u malee, harka hin laanne. Hundi isaanii kennaa gootota Yukireen ni fudhatu. Yaadannoo barabaraa warra Yukireeniif lubbuu kenneef.”
Mooskoon gama isheen loltootni odolittii 82 fedhaan harka kennachuu malee waayee miidhaa qaqqabees ta’e haleellaa raawwatamee hin ibsine.
Loltootni Raashiyaa galma magaalaa guddoo, Kiyeev, gahuun wayita gabaafametti Ministirri Ittisaa biyyatti jiraattotni magaalitti ”boombii hidhanii dhoosaa diina akka dhabamsiisan” waamicha godhaniiru.
Pireezidant Zeleneskiin kaayyoon Raashiyaa hooggana biyyaa dhabamsiisuun siyaasaan Yuukireen dhabamsiisuudha jedhan
”Akkan odeeffannoo qabnutti diinni anaan akka xiyyeeffannoo tokkoffaatti, maatii koo ammoo xiyyeeffannoo lammataatti” qabateera jedhan.
Pireezidantichi magaala Kiyeev gadhiisanii akka hin baaneefi loluu akka itti fufan himan.