
“Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan (Sexting)” jechuun, barreeffama, suuraa ykn viidiyoo kallattiidhaan waa’ee saalaa ibsu karaa moobaayilii walii erguu jechuu dha. Kana ilaalchisee namichi tokko, “Yeroo ammaa waan akkanaa walii erguun baramaa dha. Irra deddeebitee waliif barreessita, achiis utuma baay’ee hin turin suuraawwan fedhii saalaa kakaasan waliif erguu jalqabda” jedheera.
Namoonni kana kan godhan maaliifi? Hayyuun seeraa, The New York Times irratti ibsame tokko, kana ilaalchisuudhaan, dargaggoonni tokko tokko, “Suuraa qullaa qaamaa argisiisuu fi namni jaallattan tokko isaaniif erge, moobaayilii isaanii irraa qabaachuun, saalqunnamtii raawwachuuf ga’umsa akka qaban akka isaaniif beeksisu godhanii yaadu” jedheera. Shamarreen takka immoo, “Saalqunnamtii miidhaa hin qabne dha” jetteetti. Hunda caalaa immoo, “Kana gochuu keetiin hin ulfooftu, dhukkuboota karaa saalqunnamtii darbanis hin dabarsitu” jetteetti.
Sababiiwwan itti dargaggoonni ergaa fedhii saalaa kakaasan ergan kan biraan kanatti aananii jiru:
- Nama jaallachuu barbaadan tokko kolomsuuf.
- Namni tokko suuraa ifatti qullaa argisiisu waan isaaniif ergeef, isaanis waanuma akkanaa ‘deebisanii erguu’ akka qaban waan isaanitti dhaga’amuuf.
Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan miidhaa akkamii qabu?
Suuraa kee moobaayiliidhaan erga ergitee booda, deebisuus ta’ee, namoonni akkamitti itti fayyadamuu akka danda’an, yookiin maqaa kee irratti miidhaa akkamii akka geessisu to’achuu hin dandeessu. Dhaabbata Pew Research Center jedhamu keessatti qorattuu kan taate Amandaa Lenhaart, ergaa fedhii saalaa kakaasu ilaalchisee, “Dogoggora namoonni raawwatan tokko dabarsanii namaa erguu fi galmeessanii kaa’uun akka yeroo ammaatti matumaa salphaa ta’ee hin beeku” jetteetti.
Yeroo tokko tokko
- Namni tokko hiriyoota isaa bohaarsuuf jecha, suuraawwan qullaa namaa argisiisanii fi isaaf ergaman hunda akkuma jirutti dabarsee warra kaaniif erga.
- Jaalalleewwan walitti mufatan haaloo walitti ba’uuf jecha suuraa qullaa argisiisan dabarsanii namoota kaaniif ergu.
KANA BEEKTA TURTEE? Suuraa qullaa argisiisuu fi fedhii saalaa kakaasu erguun yeroo baay’ee, ijoollee gudeeduu fi poornoogiraafii ijoollee raabsuu wajjin tokko akka ta’etti ilaalama. Ijoolleen suuraa akkanaa namootaaf ergan tokko tokko yakka saalqunnamtii wajjin wal qabateen himatamaniiru.