Mango.

Maangoon mootii ykn hangafa kuduraaf muduraa jedhamee beekama. albuudota fi vitaminoota hedduus of keessaa qaba.

Faayidaawwan maangoo kunniinis:

  1. dhibee kaanserii nurraa ittisa. Inzaayimoonni Maangoo keessatti argaman(phenol, qiercitem, galic acid, astraglam, fisetim) kanneen jedhaman humna kaanserii ofirraa dhorkuu qabu. Akkasumas maangoon fiberii dhangala’aa “peekitin jedhamu kan ofkeessa qabudha. Nyaata fiberii baayinaan qaban nyaachuun kaanserii garaachaaf mar’umaanii nurraa ittisa. Kanaaf maangoon fiberin badhaadhaa waan taheef haala ajaa’ibaan kaanserii kana nurraa ittisa.
  2. fayyaa gogaa qaama keenyaaf nii gargaara. Maangoon qaawwan xixiqqoo gogaa keenyaa cufamuurraan kan kahe dhukkuboota dhufan kanneen akka “Finniisaa” nurraa dhorkuu danda’a. Kunis Qola Maangoo irraa quncisuun ykn baasuun gogaa qaama keenyatti dibuun daqiiqaaa 10 f tursuun kan tahudha. Akkasumas maangoo nyaachuun gogaan qaama keenyaa akka lallaafuf calaqqisu taasisa.
  3. dandeettii yaadachuu sammuu namaa nii dabala. Maangoon glutamic acid kan jedhamu waan of keessaa qabuuf dandeettii yaaduu sammuu keenyaa nii dabala.
  4. hir’ina dhiigaa nurraa ittisa
  5. fedhii wal qunnamtii saalaa ( libido) nii dabala. Maangoon hormoonii fedhii wal qunnamtii saalaa dabalan madaaluun fedhii wal qunnamtii saalaa dabala. Kanaaf namootni baayyeen waliin bultii keessatti rakkoo akkasii waan qabaniif Faayidaa qaba.
  6. fayyummaa ija keenyaaf nii gargaara. Maangoon vitamin A ofkeessaa waan qabuuf hooqsisuu ijaa, gubuu ijaafi dhibee ijaa kan biroo nurraa dhorka.
  7. namoota dhibee sukkaaraa qabaniif baayyee gargaara. ” kanaaf maangoo haa nyaannu””

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *