Qabiyyeen soorataa Avokaadoo giddu-galeessa tokkoo:

  • Fooleetii/vaaytaaminB9: 20%,
  • Potaashiyeemii: 14%,
  • Vaaytaamin K: 26%,
  • Vaaytaamin C:17%,
  • Vaaytaamin B5: 14%,
  • Vaaytaamin B6: 13%,
  • Vaaytaamin E: 10%
  • maagnizheyeemii,faayberii/fibers fi kkf

Dhiibbaa dhiigaa hir’isuufi dhibee onnee qolachuuf. Kunis kollestrolii qaama keenyaaf hin barbaachisne waan too’atuu fi

Farra keemikaalota summaawaa qaama keenya huban (Antioxidant) waan qabuuf dhibeewwan akka kaansarii nurraa qolata. Vaaytamin C fi E’n faayidaa kanaaf oolu

  • Bullaa’insa nyaataaf.
  • Fayyummaa ija keenyaatiif
  • Madda Anniisaati
  • Dhukkubbii fi dhibee buusaa/joint nurraa ittisuuf
  • Gogiinsa garaatiif.Faaybarii baayyee waan of ofkeesaa qabuuf faayidaa kanaaf oola.
  • Gogaa fi rifeensa keenya bareechuuf.
  • Daa’ima fayya-qabeessa argachuuf
  • Si’oomminaa fi dagaagina sammuutiif

Hubachiisa: Avokaadoon ganama yoo nyaatame irra filatamaadha.
Guyyaatti avokaadoo 1-2 soorachuun ni gorfama.sanii olis rakkoon qabu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *