
Jaalalli akkuma nyaatni fi dhugaatin jireenyaaf nu barbaachisan, innillee jiraachuf nu barbaachisa. Jaalala yeroo jennu kan jaalallee ofii qofa osoo hin taane, jaalala haadhaa, abbaa, hiriyootaa fi kkfnis ni dabalata. Jaalalli hin jiru taanan jireenyi namaaf hin mijaayu.
Gara qaphxii keenyatti yoo deebinu, keessattuu jaalallee qabaachuu fi haala sirriidhaan waliin jiraachuun faayidaa hedduu qaba.
Faayidaa kanneen argachuuf jaalalli sirriin jiraachuu qaba. Jaalalli sirriin kan akkamiiti?
- Gammachuu nuuf kenna. Yeroo nama jaalannu waliin walitti dhiyaannu, walhaammannu, waldhungannuu fi walqunnamtii saalaa goonu qaama keenya kessatti hoormoononni gammachuu baayinaan ni maddu. Akkuma walitti dhiyeenyi keenya dabalaa deemu, hammi hoormoonotaa kunis dabalaa adeemu. Kunimmoo yeroo hunda gammadaa akka taanu fi yoo wanti nama gaddisiisu nu qunnamellee warra kaan caala damdamannee gammachuu keenyatti akka deebinuuf nu gargaara.
- Akka qorannoon adda addaa mul’isutti, jaalalli dhukkuboota tokko tokko nurraa ittisa. Namni gammachuu qabu, dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaa guddaadha. Kunimmoo akka haala salphaan hin dhukkubsanneefi fayya qabeessa taanu nu taasisa. Gama biraatin, namni jaalallee qabu, walqunnamtii saalaa yeroo godhu, akka sochii qaamaa ykn spoortii hojjateetti qaamni isaa ni hiikata(relax). Kunimmoo keessattuufayyaa onnee fi sammuu keenyaa nuuf eega. Hirriiba gahaa akka rafnu nu taasisa. Dhiphina nurraa xiqqeessa.
- Umurii dheeraa akka jiraannuuf nu gargaara. Akkuma olitti jenne jaalalli waan hunda. Jaalalli jiraannaan dhukkubootni carraan nu qabuu isaanii waan gadi bu’uuf carraa du’aa sababa dhukkubaatin dhufu xiqqeessa.
- Hariiroo hawwaasummaa(sociality) keenya nuuf gabbisa. Akka qorannoowwan agarsiisanitti, jaalalli dandeettii rakkoo furuu, dandeettii yaaduu fi yaadachuu, fi akkasumas dandeettii namaan waliif galuu ni guddisa. Nama tataphatu fi kokkolfu nu taasisa. Nama kaan birattillee jaalatamaa akka taanu nu taasisa jechuudha.