
Fanxoon dhukkuba walqunnamtii saalan,qaqqabannaan,dhungoon,dhiiganifi hidda handhuuran nama dhukkuba Sana qaburra nama biraatti darbuu danda,udha. Fanxoon dhukkuboota walqunnamtii saalan daddarban keessa ulfarratti miidhaa cimaa kan qabufi yaalii gahaa kan barbaadudha. Fanxoon dhukkuba bacteria tahee,mallattoo fi turtii isaa irratti hunda,uun bakka 3tti qoodama.
Sadarkaa 1ffa
- erga ittin qabamne hanga ji,a 3tti
- mallatoolee akka shiffee,madaa,fi dhiita dhukkubbii hin qabne naannoo afaani,harkaa,ykn qaama hormataa.
- yaalii malee mallattooleen isaa ni badu.
Sadarkaa 2ffa
- hanga wagga 2-3tti kan ture
- shiffee nama hin hooksisne,madaa naannoo afaani,qaama hormataa,ulfatinni hir,achuu fi rifeensi xiqqachuu.
Sadarkaa 3ffa
- wagga 3-30 qaama keessa turuu dand,a
- jamummaa,dudummaa,maratumma fi infekshinii sammuu.
Erga mucan dhalate ykn ulfa sanarratti rakkoo fidu,
- ulfa baasuu
- Carra HIVn haadharra gara mucaatti darbuu dabaluu.
- yeroo malee dhalachuu.
- ulfatinna gadbuusuu
- qaama hir,isuu
- jaamumma
- dudummaa
- raatumma fi kanneen biroo.
Haadharra gara mucaatti akka hin dabarreef
- hordoffii ulfaa yeroon eegaluu
- dhiiga ofii qorachisuu
- mana yalaatti dahuu
- yeroo ulfaa yeroo 2 fanxoof qoratamuu,torbee 16n duraa keessatti fi torbewwan 28-32 gidduutti.
- qoricha Benzathine penicilinii 2.4iu torbanitti yeroo 1 torbewwan 3f fudhachuu.
- erga qoricha fudhatanii torbaan 4n booda qoratamuu
- abbaa warraaf qoricha kennuun.