
Annan bu’aa fayyaa heddu akka qabu ni beekkama.
Qorannoo aannan irratti godhameen Aannan baay’isanii dhuguu fi bu’aa Aannanii kan ta’an baaduu fi Itittuu soorachuun carraa rakkoo onneetiin qabamuu akka hir’isu bira ga’amee jira. Keessumattuu Onneen tasa hojii ishee dhaabuu(sudden cardiac arrest) kan hawaasa addunyaa hedduu miidhu irratti argamu sababni isaa hanqina albuuda kaalsiyeemii dhiiga keessatti argamuun akka ta’e erga baramee as albuuda kaalsiyeemii kanaan kan badhaadhe Aannanii fi bu’aa Annanii soorachuun rakkoo kana of irraa ittisuuf bu’aa guddaa akka qabu ibsamaatii jira.
Rakkoon Onnee tasaa(sudden cardiac arrest) yeroo ammaa kan biyyaa Ingiliizii qofati waggaatti nama kuma 100 galaafata; biyya Ameerikaatti ammoo kana harka afur ni caala jedhama. Dhukkubichan qabamanii dafaanii yaala fayyaa argaachuu baannan battalatti lubbuu galaafachuu danda’a-kanaaf dhukkuba onnee tasaa jedhame. Biyya keenyatti namootni dhukkubichaan qabaman hedduun m/yaalaa osaa hin ga’in du’uu waan danda’aniif bal’inni rakkoo kanaa hangam akka ta’e beekkuun nama dhibuu danda’u.