
Bara barnoota 2013 kennamuf kan ture Qormaanni biyyoolessa kutaa 12ffaa sababa gara garaatiin gara 2014tti darbee marsaa lamaan kennamu ni yaadatama.
Bu’aan qormaata Siiviiksii marsaa 1ffaa mana barnoota hundaatti walfakkaata kan ture waan ta’eef
madaallii seensa yuunvarsiitiif akka hin tajaajille murtaa’eera.
Gosa barnoota biroo irratti rakkinna homaa akka hin jirre ibseera.
Gara barnoota sadarkaa olaana seenani kan baratan, hundi isaani qabxii seensaf ta’u gosa barnoota hundaan qabxii 50% fi isa ol fidani dha.
Fakkeenyaf, gosa barnoota torbaan qoramani 600 keessa kan qabaniif 300 fi isa ol fiduu qaban jedhame.
Karaawwan ittiin bu’aa keessan ilaaltan ilaalan:.