
Abu Daawood UsmaanMiseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu lammiilee biyya Sa’uudii Arabiyaa fi United Arab Emirates keessatti dararamaa jiraniif gaaffii muummicha ministeeraa gaafataniif galateeffamuu qabu.Ustaaz Kaamil Shemsuu bakka gaarii taa’ee waan kana nu agarsiiseef galata guddaa galchuun barbaada sababni isaas bakka bu’ummaa ummataa qabatanii sagalee ummataa dhageessisuu isaaniitiif.
Muummichi ministeeraa deebii isaanii keessatti:-
- Namni hundi Ethiopia irraa gara Saudi Arabia akka deeme beekuun rakkisaadha. Namoota sivilii ajjeesantu jira jedhama. Akkasumaan fidna taanaan ummanni Itoophiyaa akkuma durii ummata ofii waliin jiraata yoo qabsaa’es.Waan badneef osoo hin taane, waan badaan walitti hin dhufneef qorannee ifa gochuu qabna. Mootummaa saudii waliin walitti dhiheenyaan hojjachaa jirra.
- Koreen ministeerummaa kabajamoo itti aanaa muummicha ministeeraatiin durfamu yeroo dhiyootti dhaabbateera. Of eeggannoon qorannee lammii keenya deebifna.
- Yeroo deebinutti namoonni dogoggoran yoo jiraatan of eegganna. Dubbicha qabannee hojii irra oolchuun nu yaaddessa.Yeroo ammaa kana Itiyoophiyaanonni qulqulluun miidhamaa jiru garuu hunda isaanii ilaallee lammii keenya deebifna.Yaa lammii koo kan mana hidhaa jirtan rabbiin isiniif haa birmatu Kan biraa wanti jedhu hin jiru.