
QUNNAMTII SAALAA,FI FAKKAATA.
Gaa’ilaan booda qunnamtii saalaa, akkamiin raawwanna?
FAYYUMMAA QUNNAMTII SAALAA
- Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa hedduu cimsa.
- Walqunnaamtii saalaaf fedhii akka qabaannu taasisa.
- Dandeettii fincaan qabaachuu afuuffee fincaanii dubartootaa ni dabala.
- Dhiibbaa dhiigaa qaama gadi buusuuf gargaara
- Sochii qaamaa waan ta’eef fayidaalee sochiin qaamaa agamsiisu nuuf kenna
- Carraa dhukkuba onnee tasaa gadi buusa.
- Dhukkuubbii kamiyyuu kan qabnu yoo ta’e akka nutti hin dhaga’amne taasisa
- Carraa kaanserii xannacha prosteetii dhiiraa hir’isa
- Hirriba qulqullina qabu akka rafnu taasisa
- Dhiphina sammuu (stress) nurraa ittisa.
TORBEETTI SI’A MEEQA RAAWWANNA?
Si’a meeqa raawaanna, kan jedhuuf akkaata nyaata isaanii irratti hundaa’a, fakkeenyaaf namni fayyummaa guutuu qaban kan gosa nyaata viytaaminoota gaha foonii fi kuduraaalee gara garaa ofkeessa gaban sooratan torbeetti si’a 2-3 yoo ta’e filatama.
Hubadhaa namoonnii tokko tokko ani fedhiin koo ulfaataadha guyyaa guyyaan fayyadamuun qaba kan jedhu yoo jiraate, tarii hirrina dhiigaa, suusilee qaama siyeeysan kan akka alkooli, dhibee sonbaa, Namoota hirriiba gaha hin rafne ta’uu danda’a..
FEDHII KEENYA WALQIXXEESSUU
Namoonni tokko tokko ani torbeetti si’a 7 caalaan barbaada niitiin ko torneetti 2-3 caalaa hin barbaaddu warreen jedhaniif, immoo rakkoo guddaa kan ta’a jiru waliin mari’achuu dhabuudha.
Akkuma qaamni saalaa keenya fedhuun fayyadamuu caalaa torbeetti si’a 1-2 gammachuun taasisuutu fialtama.
Danddeetti keessaniin ala qunnamtii taasisitan taanaan dadhabina qaama keenya fi ijjji keenya akka fageenya hin argine nutaasisuu danda’a. .
AKKAMITTI FEDHII KEENYA OL-GUDDISUU
- Sochii qaamaa idileen hojjechuu
- Nyaata madaalamaa nyaachuu
- Hariiroo fayyaalessa qabaachuu
- Dhugaatii alkoolii, caatii fi tamboo hir’isuu ykn dhaabuu
- Hariiroo jaallee ykn haadha /abbaa warraa ofii waliinii haaromsuu
- Dhiphuu/Yaaddoo hir’isuu
- Dhibee mukuu ykn gaddabbuu, sukkaaraa, onnee/dhiibbaa dhiigaa fi kkf yaala barbaachisu fudhachuu
- Dawaa/qoricha dhibee biroof fudhatan yoo jiraate ogeessa mariisisuu
- Ulfaatina hir’isuu
- Hirriba boqonnaa qabuu fi ga’aa ta’e rafuu
- Gara mana yaalaa deemanii illee yaala argatuun ni danda’ama
- Yaadoota hir’atoo (negative) saalquunnamtii irratti qaban fooyyessuu
- Waantoota akka dhidhibbaa qaamaa (massage) gargaaramuu fa’a.