‘Garaagarummaa daqiiqaa 11n dubartiin tokko firaan ykn jaalallee isheetiin ajjeefamti’

Barreessaa Olaanaan Biyyoota Gamtoomanii Antooniiyoo Gutareez, garaagarummaa daqiiqaa 11n dubartiin tokko jaalallee ykn miseensa maatiin akka ajjeefamtu himan.

Hunda caalaa kan cimu ammoo ajjeechaa irra caalaan kan raawwatamu mana jireenyaa ”nageenyummaan saa baayyee eegamaadha” jette amantu keessatti jedhan.

Addunyaa guutuutti dubartoota sadii keessaa tokko irra miidhaan qaqqabee akka beekus Barreessaan Olaanaa kun dubbatan.

Marii waggaa waggaan haala dubartoonni irratti argaman (Status of Women) irratti taasifame irratti haasaa kan taasisan Gutareez, miidhaan dubartoota irra gahu ”weerara addunyaa dheeraafi yaaddessaadha” jedhan.

Miidhaa saalaa bu’ureeffate dhabamsiisuuf gaheen dhiirotaa maal ta’u akka qabaatu ilaalchisuun waltajjiicha irra mariin gaggeeffamee ture.

”Miidhaa dhaabuuf tarkaanfiin jalqabaa ilaalchaafi qalbii dhiirotaa jijjiiruudha. Rakkinichas kan uuman dhiirootuma. Rakkinichas dhaabuu kan danda’an dhiirootuma,” jedhan barreessaan olaanaan kun.

Gutureez haasaa taasisaniin, tokkoon tokkoo dhiiraa ”olaantummaa dhiiraa hundeesaa irraa buqqisee gatuuf ofilaalii dura dhaabbachuun ofiif waadaa galuu qaba,” jedhan.

Itti dabaluunis, ”Miira olaantummaa dhiiraa balaafamaa balleessuuf, ilaalcha dogongoraa aadaan kaa’ee hir’isuuf akkasumas loogii barootaaf madda miidhaa ta’e ittisuuf tokkoon tokkoo dhiiraa ofiisaatiif waadaa galuu qabaata,” jechuun dubbatan.

Miidhaa saalaa furuuf UN hanga ammaatti dhiiroota 880,000 ta’an waa’ee dhiirummaa naga qabeessa (potisive masculinity) barsiiseera.

Dhiiroonni kanneenis attamiin walitti bu’iinsa karaa nagaatiin furuu akka danda’aniifi waa’ee walitti dhufeenya nagaa qabeessaa irratti ture barnoonni kan kennameef.

Haata’u malee kana caalaa hojiin hojjatamu akka barbaachisu dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii himeera.

Biyyoonni miseensaas miidhaa saalaa dhaabsiisuuf karoora yeroo atattamaa akka baafataniif Barreessaa Olaanaan Gutureez akekkachiisaniiru.

Afriikaan miidhaa saalaa ittisurratti fooyyee agarsiisaa jirti

Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Fandiin Sirna Ummataa (UNFPA) fi ‘Equality Now’ akka jedhanitti Afriikaan miidhaa saala bu’uureeffate ittisuuf fooyyee agarsiiftee jirti.

Fooyya’insii Ardittiitti mul’atees dhaqna qabaalleen kan hammatudha.

Dameewwan adda addaa walitti qabuun hojjachuun, akkasumas qaamoolee dhimmisaa ilaallatu hirmaachisuun mirga dubartootaa kabachiisuuf hojjachuun Afriikaa keessatti jijjiiramni akka dhufuuf gargaareera jedhan.

Gabaasni Motummooti Gamtooman baasan kan biyyoota Afriikaa 11 qoratedha.

Kunis miidhaa saalaa gosa kamiituu ittisuuf irratti kan xiyyeeffatedha.

Biyyoonni sagantaa kana keessatti hammatamanis: Itoophiyaa, Burkinaa Faasoo, Gaanaa, Laayibeeriyaa, Maalii, Seenegaal, Seeraaliyoon, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa fi Ugaandaadha.

Biyyoota 11 kanneen keessaayis torba jechuunis Itoophiyaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Burkinaa Faasoo, Gaanaa fi Seenegaal dhaqna qabaa seeraan dhorkuun hojiirra oolmaa isaatiif bajata ramadaniiru.

Biyyoonni Afriikaa hafan garuu hanga ammaatti dhaqna qabaa seeraan hin dhorkine.

Dhaabbata ‘Equality Now’ tti Ittigaafatamaan kutaa Ittisa Gochaawwan miidhoo, Aseenaat Miitihaay ”Dhaqna qabaan seeraan akka dhorkamu, imaammanni akka bahu, karoorri biyyaaleessaa akka bahuu fi bajanni akka ramadamuuf sochii siyaasaa cimaatu barbaachisa,” jedhan.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *