Gatiin boba’aa baarmeeli tokko waggaa 7 booda yeroo jalqabaaf doolara 100 caaleera.

Piresdaantiin Raashiyaa puutin dhiha Yukreenitti ” weerara lolaa” jalqabuu ibsuu isaani irraa kan ka’e gatiin boba’aa garmalee dabaluu isaa BBC gabaasera.

Haluma kanaan Wagga 7 kessatti yeroo jalqabaaf baarmelin tokko doolara 100 caaleera.

Muddamsuu fi walitti bu’iinsi kan itti fufu yoo ta’e gatiin boba’aa kana ol dabaluu danda’a jedhameera.

Gatiin boba’aa kun bakka walitti bu’iinsi jirutti guyya guyyaan dabalaa dhufeeti kan doolara 100 caale.

Boba’aan alatti gatiin warqees haala duraani caala dabaleera.

Raashiyaan sa’uditti aante biyya zaaiytii boba’aa omishtu ishee lammaffaadha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *