GOGIINSA GARAA MAALTU FIDA? /CONSTIPATION

KA’UMSA

  1. Dhibee gara garaatiin sireerraa ciisaa ooluu fi Sochii qaamaa gochuu dhiisuu
  2. Bishaan baayyee dhuguu dhabuu
  3. Yeroo baayyee nyaata garaa keessa yeroo hedduu turan “low fiber diet”jedhaman kan akka foonii, hanqaaquu,aannanii fi kkf fayyadamuu
  4. Yaaddoo fi dhiphina hamaa ta’e
  5. Qorichoota tokko tokko, sababa garagaraattif yeroo dheeraaf fudhachuu fknf qorichoota dhukkubbii hir’isan…
  6. Dhukkuba Sukkaaraa yeroo dheeraaf namarra ture.
  7. Ulfa
  8. Dhibeewwaan sammuu kan yeroo baayyee nama laamshessan; fknf dhukkuba sammuu keessatti dhiiguu ykn ujummoleen dhiiga sammuutti gejjibaan cuqqaalamuu(Stroke) fa’a qabaachuu.
    8.Rakkoo mar’umman furdaa qabaachuu; fknf cuqqaalamuu mari’imaan furdaa (Obstruction) fi kan biroo …

9.Umrii, umriin akkuma dabalaa deemun carraan isaa dabalaa deema.

  1. Infeekshinoota raammoolee mari’maan miidhanii
  2. Dhahicha dugdaa

MALLATTOOLEE

  1. Torbanitti al (3) sadii gad bobbaa bahuu bobbaa baayyee gogaa fi jabaataa ta’e
  2. yeroo bobbaa baayyee nama iittansissuu fi dhukkubbiin namatti dhagahamuu
  3. garaa dhukkubbii
  4. fedhii nyaataa dhabuu
  5. Ol nama guuruu ykn haqqisiisuu
  6. Sagaraan akka waan sirraa bahee hin dhuminii sitti dhagahamuu

ITTISA

1.Nyaata kuduraa fi muduraa heeddumminaan soorachuu fi nyaata armaan olitti jenne xiqqeessuu

2.Bishaan gahaa dhuguu

3.Sochii qaamaa gochuu

4.Mana fincaanii bobbaa bahuuf yeroo walfakkataatti bartee godhachuu; fknf guyyaatti al lama, ganamaa fi galgala.

5.Yommuu bobbaan nu qabe dabarsuu dhiisuu

6.Dhiphina sammuu fi yaaddoo hamaa hanga danda’ameen hambisuu

7.Alkoolii dhuguu dhiisuu

8.Qoricha kamuu ogeessa fayyaa malee fudhachuu dhiisuu

  1. Mana fincaaniirra turuu dhabuu

YAALA
1 Nyaata sagaraa laaffisan kan akka paappayyaa,baaqelaa fi boqqolloo(qolaa waliin),maangoo,mixaaxis/booyinee,..

2 Bishaan gahaa dhuguu

3 Sochii qaamaa gochuu

4 wantoota kaumsa tahan yaalamuu

5 kanaan yoo didee fi mallattoolee armaan gadii yoo qabaate mana yaalaa deemuun laalamuudha:

  • Goginsi garaa jalqabuma irraa baayyee hamaa yoo ta’e
  • Bobbaa gogaa, dhiiga makate
  • dhukkubbii garaa baayyee hamaa ta’e
  • dhuufuun/qilleensi bahuu yoo dide
  • hoo’i qaamaa yoo jiraate
  • Haqqisaa yoo jiraate
  • Ulfaatinni keenya baayyee yoo hir’ate fi kkf

MIIDHAALEE
1.Dhibee Kintaarootii
2.Cufaamuu ykn cuqqaalamuu mari’ummanii
3.Baqaquu fi dhiiguu mana sagaraa(anal fissure)
4.Dubartii irratti; alatti bahuu qaama walhormaataa(Pelvic Organ prolapse)

  1. Iitoon karaa qaamni laafeen garaa fi nudammuddiin bahuu(hernia)…

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *