
Dhukkuboota dhungo(kissing) namatti darbuu danda’an kan akka Fanxoo (syphilis) fi Vayirasii herpes simplex
Qilleensa gogaa fi qorraa(diilalla’aa)
Bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
Alarjii wantoota hidhiitti dibamanii(lipstick)
Ho’a aduu cimaaf saaxilamuu
Hidhii arraabuu ykn cicciniinuu
Tamboo xuuxuu
Afaaniin harganuu
Hanqina vitaaminoota A,B fi C.
AKKAMIIN OF IRRAA ITTISNA?
Bishaan gahaa guyyaa guyyaatti dhuguu
Qilleensa gogaafi dilallaa’aa keessa yeroo deemnu,huccuu mormatti maratan godhachuu(scarf)
Yeroo manaa gara aduun nu xuquu danda’uutti deemnu hidhii keenyarratti ‘sunscreen’ dibachuu
Hidhii arraabuu ykn cicciniinuu dhiisuu,kun yeroodhaaf goginsa sana salphisuu danda’a, garuu goginsaa fi tatarsa’uu hidhii ni hammessa.
Lipistikii kemikaalota ciccimoo of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu
Tamboo xuuxuu dhaabuu
Dibata hidhii( lip balm) hidhii keessaniif ta’u beekuudhaan filachuun murteessaadha
Sukkaara fal’aana lamaafi damma fal’aana tokko walitti makii,hidhiikeerratti erga dibattee booda daqiiqaa muraasaaf tursi. Sana booda bishaan xiqqo ho’een irraa dhiqi.
Qarruu annanii(mataa annan ititee) hidhiitti dibachuudhaan erga daqiiqaa10niif tursitee booda huccuu bishaan ho’aatti cuubameen dhiquu.