GORSA DUBARTOOTA HUNDAAF.

Dhiirotaaf Kana Dubbisuun Dhorkaadha.

  • Gonkumaa hin irraanfatiin akka abbaan manaa kee sii fuudhe, waan addaa akka hin uumamneef itti gaafatamummaa fi dirqama kee bahuu qabda.
  • Dadhabina abbaa manaa keetii maatii kee fi hiriyyaa keetti hin himiin, gara fulduraatti gufuu jireenya kee ta’uu waan danda’uuf.
  • Gonkumaa sababa tokkoof jettee abbaa manaa kee hin jeeqin, kun mallattoo wal kabajuu dhiisuu waan ta’eef.
  • Gonkumaa ilaalcha kee fi gamnummaa (mood) fayyadamtee abbaa manaa keetti hin dubbatiin, abbaan manaa kee maalitti hiikkachuu akka danda’u waan hin beeknef.
  • Gonkumaa abbaa manaa kee dhiirota kan biraan hin madaalin, dhoksaan jireenya isaani maal akka ta’e waan hin beeknef.
  • Gonkumaa hiriyyaa abbaa manaa keetii waliin hidhata uumuuf hin yaalin,isaan waliin jaalala uumuun waan siif hin danda’amneef, waan isaanitti himamu qabuuf abbaan manaa keeyyuu jira waan ta’eef
  • Gonkumaa nama waa’ee abbaa manaa keetii xiiyyeefatu wajjiin wali hin galiin, namni garaagarummaa nama gidduutti waan uumuuf, waa’ee abbaa manaa keetiif itti gaafatamtuun sii qofa ta’ uu beeki.
  • Gonkumaa abbaa manaa keetti hin qaabamiin yoo inni harka duwwaa ta’ee raakkinni isin mudate, jajjabeessuu qabdarraan kan hafe.
  • Gonkumaa haadha manaa qisaasessituu hin ta’iin, yoos abbaan manaa kee immoo sin olitti qisaasessuu waan danda’uuf.
  • Gonkumaa sababa hin uummatin yeroo abbaan manaa kee wal- quunnamtii saalaa si gaafatu, wal-quunnamtiin saalaa dhiiraaf baay’ee barbaachisaa waan ta’eef, yoo ati diddee sababa kan uumtu taate dubartii biraa wan yaaduuf, yoo rakkoon addaa jiraate malee dhiirri wal-quunnamtii saalaa malee yeroo dheeraa turuu hin danda’u.
  • Gonkumaa hin madaaliin abbaa manaa kee wal-quunnamtii al-tokkootin yookiin rakkina al-tokkootin, kun guddinni mana keetti akka hin dhufneef sababa waan ta’uuf.
  • Gonkumaa yaada, falmii fi filannoo uummata irratti abbaa manaa keef hin deebisiin, innumti haa deebisuuti. akkasumas tarii kan keeyyuu deebisuu waan danda’uuf.
  • Gonkumaa abbaa manaa kee ijoolle fulduratti hin loliin (wal hin dhabiin), dubartii beektuun kana hin gootu waan ta’eef.
  • Bareedina abbaa manaa keetii mirkaneessuu hin dagatiin, utuu inni of bareechee xumuree sin gaafatin.
  • Gonkumaa hiriyyaan kee abbaa manaa kee waliin hidhata akka uumtu hin eyyamiin.
  • Gonkumaa yeroo mana fincaani fi yeroo uffataa hin ariifatiin,abbaan manaa kee kanaan waan hin mufanneef.
  • Maatiin kee yookaan hiriyyaan kee erga heerumtee waa’ee heeruma kee yaada kaasu hin qaban, jecha isaan jedhaniif yeroo kee gubuu hin qabdu, yoo isaan dhiisuun si dirqamsiise dhiisu qabda malee.
  • Gonkumaa yaadni kee qabeenya irratti kan xiiyyeefatu ta’uu hin qabu, yoo qarshii isa ol kan argattu ta’ellee walitti fiduu qabda malee.
  • Hin irraanffatiin abbaan manaa yaadaan dhaggeeffachuu barbaadaati, yaadni kee qabamaa itti ta’uu hin qabu. Walii galtee gaariin gammachuu jireenya ofiiti waan ta’eef.
  • Yeroo marii yoo yaadni kee kan Isaa olitti hojjetu ta’e gonkumaa ofii kee isaan olitti of hin madaaliin, kun waliin hojjechuu waan ta’eef.
  • Abbaa manaa kee irratti ol-aantummaa hin fudhatiin, abbaan manaa mataa haadha manaa waan ta’eef.
  • Haati manaa dadhabduun maal-na dhibdee haadha manaati, isheen qaamnumti isheeyyuu akka dhokfamu hin beektu.
  • Abbaan manaa kee akaakuu ittoo nyaataa gaarii fedhaa? Haala ittoo nyaata kee foyyeessuu yaali, abbaan manaa nyaatatti waan hin qoosneef.
  • Gonkumaa abbaa manaa keetiin hin morkatiin(wal hin dhabiin), Yeroo qabdu hunda seeran fayyadami qabeenyi kee akka dabaluuf.
  • Dhufaatii abbaa manaa keen dura burchuqqoo (baattuu bishaanii) qopheessii kaa’i, akkasumas namni kamiyyuu mana kee yeroo dhufuuf.
  • Dubartii waa’ee heerumaa ilaacha gadhee qabdu wajjiin walitti dhufeenya hin uumiin.
  • Mana dhaabuun kee siif gatii qaba, innis akka ilaalcha mataa keetittidha, of jibbaa jiraachuun garuu gatii hin qabu.
  • Ijoolleen eebba (kennaa) waaqayyooti, kanaaf ijoollee kee jaall’adhuuti sirritti isaan barsiisi.
  • Ati Gonkumaa mana kee to’achuuf dulluma hin qabaatiin, sababa kamiinuu yaada fi bakka atii manaa fi maatii keef qabdu gonkumaa hirr’achuu hin danda’iin.
  • Haati manaa kadhaannaatti jabaattuun baayyee aboo-qabeettiidha, Yeroo hunda abbaa manaa kee fi maatii keetiif kadhadhu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *