
Dhiiraa fi dubartiin kayyoo jaalalaa isaanii irraa hundaa’uun gosa 6 wal jaallatu.
Isaanis:-
1. Jaalala Hinaaffaa
Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta’ee, namoota wal jaallatan lama jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha.fkf :- Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr.Addunyaan Iftuu jaallate.
2. Jaalala Faayidaa
Jaalalli kun immoo dhiirri tokko ykn durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha.
Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri ykn shamarreen kun bu’aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/ dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin ykn immoo faayidaa sana ega argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.
3. Jaalala Haalaa
Jaalalli kun kan hundaa’u haala battala sana uumamu waabeffateeti. Fakkeenyaaf qamootni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta’e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda’u.
Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay’ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to’achuuf wal jaallatu.Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama.
Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay’ee beekamee jiruudha.
4. Jaalala Yeroo
Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenyaa irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe,yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Araabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.
5. Jaalala Kaayyoo
Kun gosaa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa’eedha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf ega murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta’eef, salphaatti hin fashalaa’u.
Amma dandaa’amaa ta’etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa’in yoo hafe illee godaannisa ta’ee keessa namaatti hafa.
6. Jaalala Bakka Bu’iinsaa
Jaalalli kun kan hundaa’u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubaraa kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa’u yoo ta’u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda’a.