Haati ulfaa ji’a 6 booda dugdaan cisuun dhorkaadha.

Haati ulfaa ji’a 6 booda dugdaan cisuun dhorkaadha.

JI’a 6 booda akkuma beekamu gadameessi daa’ima baatu wayita guddachaa deemuu ujummoo gurguddaan dhiigaa kan karaa garaa keessa oliif gadi darbu wayita dugdaan ciisan waan cufuuf hammi dhiigaa gara onnee fi akkasumas gara daa’imaa deemuu ni hir’ata. Wayita kana mallattooleen haadha ulfaa kana irratti mul’atan; gar-malee dafquu,ballaqqamuu,mataan itti salpachuu ,onneen garmalee dha’achuu ykn rukkutuu,of wallaaluuf kkfn dha.

Akkasumas hammi dhiigaa gara daa’imaa deemus waan hir’atuuf daa’imnis miidhamuu ni danda’a. Kanaaf wayita dugdaan ciisan yoo mallatton kun itti dhagaa’ame atattamaan gara cinaacha bitaa isaaniitti yoo deebi’an daqiiqaa 5_10 gidduutti furmaata argatu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *