
Arjantiinaatti hambaan uumama baay’ee sodaachisaafi lafarra loo’uu tokko argamuun ibsame.
Hammi baallee umama baay’ee sodaachisaadha jedhame kanaas qarqara tokkoo hanga qarqara isa biraatti meetira 9 dheerata jedhameera. Inni biineensoota gara biraa adamsuun soorataa ture jedhame.
Oggeessoonni hambaa uumama kanaa argatanis ”diraaganii du’aa” jechuun ibsaniiru.
Qindeessaan qorattoota hambaa uumama sodaachisaa kana argatan, Liiwonaardoo Oriiriit, hojjaansaa kan sattawwaan akka walfakkaatu ibsanii, bal’inni baallee isaa ammoo kan tilmaamnuun oliidha jedhan.
Uumamni kunis danaa baay’ee sodaachisaa ta’e kan qabu akka ta’e ibsameera.
Biyya Arjantiinaatti dhagaa gaarreen Andas jala waggoota miiliyoonota 86 kan ture qaamni uumama kanaa, bara daayinoosar jiraatuutti kan jiraataa ture ta’u mul’isa jedhan.
Qorataa uumama hambaawwanii durii kan ta’an Pirofeesar Oritiiz hambaa uumama kanaatiis bara 2012’tti qotuun argatan.

Qorattoonnis hambaa umama kanaa Afaan Giriikiitiin Thanatosdrakon amaru jechuun kan moggaasan yoo ta’u, innis hiikaa du’aafi diraagoon jedhu qaba.
Umamni kuni osoo simbirroonni hin uumamiin dura kanneen baalleen balali’an keessaa kan jalqabaa akka ta’e amanama.
Haala jireenya uumamama kanaarratti qorannoon taasifame gahaadha jechuun hin danda’amu jedhu Pirofesarichi.
Kanneen guddina garaa garaa qaban waliin argamuunsaanii kan mirkanaa’eedha jechuunis dubbataniiru.
Bara 2017’tti uumamni waggoota miiliyoona 170 dura akka jiraatu tilmaamameefi dheerina meetira 2.5 akka qabu himamee tokko odola Iskootishiitti argamuun ibsamee ture.