Hariiroo Kolfaa fi fayyaa keenya

Kolfaa fi fayyaa keenya “Duroomaniif kolfa hin argatani, hiyyoomaniif kolfa hin dhaban.Kolfi kaffaltii tokkollee nama hin gaafatu. Garuu bu’aa guddaa qaba. Kolfi faayidaa malee miidhaa hin qabu.

Kolfi:-

  • Miira jeeqame tasgabeessa
  • miira badaa qajeelcha,
  • miiraa gaddaa mancaasa.
  • Yaaddoo fageessa;
  • Gammachuu maddisiisa.
  • Boqonnaa namaaf kenna
  • Kaka’umsa hojii dabala.
  • Hiriyummaa jabeessa.
  • Maatii keessa gammachuun akka jiraatuu godha.
  • Kolfi warra dadhabaniif jabina.
  • Warra abdii kutataniif ifa.
  • Warra gaddaniif carallaa biiftuuti.
  • Kolfi muddama miiraatiif daawwaa uumamaati
  • Kolfi waangaarii yaaduu irraa madda.(usually?)
  • Kolfi keenya miira namoota biroo jijjiiruuf humna guddaa qaba. Fuulli ifaan afata gaarii caala. Kolfi yeroo muraasaaf kolfama. Garuu sammuu namaa keessa yeroo dheeraaf tura.

Qaamni keenya wayita kolfinu caalaa wayita nyaara guurru anniisaa baay’ee fayyadama.Kolfa kadhannee, bitannee, liqeeffannee yookiin hannee argachuu hin dandeenyu. Duroomaniif kolfa hin argatan, hiyyoomaniif kolfa hin dhabani. Kanaafuu garaakee irraa kolfi. Kolfi bu’aa qabeessa kan ta’u yoo garaa keenya irraa kolfinedha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *