
Kooleejii irraa reef eebbifamtee hojii barbaaduuf qophaa’aa jirtaa? Otooma Kooleejiitii barattuu cinatti shaakallii hojii argachuu feetaa? Hojii kee ammaa irra dalagaa fooyya’aa argachuu barbaadda?
Moo yeroo dheeraaf hojii barbaadaa turtee otoo hin argatiin abdii murteetta?
Hojii barbaaddu argachuuf dhimma murteessaa fi jalqabaa jedhamu irratti dogoggorateetta tahuu mala.
Dhimmi murteessaa kunis Iyyata Hojii ykn isa Afaan Ingiliiziin Curriculum Vitae, gabaajeedhaan ‘CV’ jedhamu dha.
Iyyatni Hojii kuni gudunfaa muuxannoo hojii, barnoota, gahumsaa fi dandeettii kee kan barreefamaan waraqaa fuula 1-3 irratti dhiyeessitu dha.
Iyyata Hojii kanarratti dhaaba si qacaru amansiistee sadarkaa itti aanutti ykn af-gaaffiidhaaf akka si waamu gochuuf, ‘CV’ kee bareechitee qixeeffachuu malta.
Kanaaf immoo qajeelfamoota si gargaaran odeeffannoo ogeessotarraa argadheen sitti hima. Dhiyaadhu!
Aadde Kokab Ayyala marsariitii warreen hojii barbaadaniifi dhaabota hojjettoota soqan wal-quunnamsiisu ‘Ethiojobs’tti hoggantuu tajaajilaa yoo taatu, iyyattoota hojiif dhimma kanarratti leenjii gahumsaa kenniti.
‘’Iyyata Hojii yeroo qopheessinu beeksisa gita hojii banaa argine sanaaf kan deebii kennu tahuu qaba,’’ jetti Kokab.
Sababiinsaas dhaabbanni gita hojii sanaaf ulaagaalee kan tarreessu hojjetaa gita hojii sanaaf tahu argachuuf yaaduun waan taheefi jechuunis ibsiti ogeettiin kuni.
Odeeffannoo dhaabbataa
Odeeffannoon kuni jalqaba mataa waraqaa Iyyata Hojii irratti kan barreefamu yoo tahu, maqaa guutuu, teessoo kanneen akka imeelii, bilbilaafi amma immoo baramaa kan dhufe geessituu(link) marsariitii dhuunfaa hojii keenya agarsiisan fa’i odeeffannoo yeroo baayyee dhaabbataa tahani dha jetti.
‘Of gurguri’
Odeeffannoo dhaabbataa erga barreessiteen booda, guduunfaa muuxannoo hojii ykn isa ‘professional summary’ jedhamu barreessita. Kunis barreefama gabaabaa kan sarara 3-5 hin caalle, gama ogummaa keetiin eenyu akka taate kan ittiin of ibsitu dha.
Hojii ykn ogummaa amma irra jirtu ibsuu dabalatee, dandeettii adda na taasisa jettu, kennaa hojii/ogummaa keef qabdu kan irratti of agarsiistu dha.
Keewwata gabaabduu kanaan battalatti ija qaama si qacaruu hawwachuu qabda. ‘’Qabiyyee caala, akkaataa qabiyyeen itti dhiyaate murteessaa dha.’’ Gabaabumatti, ‘’of gurguruu qabda, yoo kuni tahuu baate garuu kan si qacaruuf Iyyata Hojii kee dubbisaa jiru seensumaa, sarara iyyata kee itti aanuu otoo hin dubbisiin iyyata kee qembee kosii keessa si jalaa gata,’’ jechuun ibsiti Kokab.
Kanaaf of gurguruuf ‘CV’ kee qixeessuun kee jalqabaa hanga dhumaattii mul’achuu akka qabus ibsiti
Kanaan booda muuxannoo hojii irraa gara sadarkaa barnootaa tarreessuutti galuun ni danda’ama jechuun ibsiti.
Haala kanaan, muuxannoo hojii sadarkaa barnootaa dursanii barreessuun barbaachisaa dha jetti Kokab. Sababiinsaa, ‘’qaamni si qacaru hojiif si barbaada gatii taheef muuxannoo hojii kee dursee arguu fedha,’’ jetti.
Kana malees, ‘’gahee hojii amma irraa hojjechaa jirtu ykn dhiyeenyatti hojjette, maqaa dhaabbata hojii fi bara itti hojjechaa jirtu jalqabarra kaa’uun, sana booda wal-duraa duuban muuxannoo hojii beeksisa sanaaf madaalu jettee yaaddu tarreessita,’’ jetti.
Barataa ykn kan reef ebbifamtu yoo taate, hojii barbaaddu kanaan kaayyoo kee ibsuu dandeessa, akkasumas hojiiwwan al-idilee tahan kanneen akka gumiiwwan keessatti hirmaachuu, hojii tola oolttummaa, tajaajila hawaasaa irratti, hoggantummaanis tahe miseensummaa hirmaachuu kee eeruun gaaffii muuxannoo hojii jedhu bakka si bu’uu mala jechuun ibsiti Kokab.
Sadarkaa barnootaas akkasuma damee barnoota dhiyeenyatti ittiin eebbifamte irraa jalqabuun gara duubaatti deemaa tarreessuun filatamaa dha jechuun ibsiteetti.
Kanaan ala, leenjiiwwan kaka’umsa mataa keetiin fudhattes tahe, dirqama hojii keen argatte kan hojii amma iyyachaa jirtuuf murteessoo dha jettu galchuu akka dandeessu himti.
Hojiin tokko tokko kan waraqaa ragaa barbaadu gatii jiruuf, ‘’ogummaa sanaaf eeyyama gahumsaa akka qabdu barreefama agarsiisu qabsiisuus dandeessa,’’ jechuun ibsiti.
Dhumarratti teessoo namoota sadii waa’ee keefi hojii kee odeeffannoo dabalataa kennuu danda’an(References) kaa’uu dandeessa, ‘’garuu fuula qusachuuf jecha, isa kana adeemsa qacarrii itti aanutti nan dhiyeessa jechuun cufuun ni danda’ama,’’ jechuun ibsiti.
Akkaataa Iyyatni Hojii itti barreeffamu irratti dhimmoota bu’uuraa barteetta, kana booda ‘CV’ kee akkamiin hawwataa gochuu dandeessa, kan jedhutti ceena.
Qaamni si qacaru Iyyata Hojii kee irratti maal arguu akka fedhu beektaa?
Namni Iyyata Hojii kee gamaagamu gita hojii banaa irratti si qacaruuf yaade bu’uura godhachuun iyyata kee waan ilaaluuf muuxannoon kanaan dura qabdu itti gaafatamummaa amma barbaadamu waliin kan wal-simu tahuu qaba, ykn yoo xiqqaate kan walitti dhiyaatu akka tahu ni eegama.
Dabalataan muuxannoo hojii akka jiruun kaa’uu qofa osoo hin taane, ‘’itti gaafatamummaa hojii kanaan maal akka milkeessite dabaluun murtessaa dha,’’
‘’Fakkeenyaaf hojii gurgurtaa irra yoo turteef, hojii kanaan dhaabbata hojjechaafii ture galii harka hanga kanaa guddiseera jechuun waan qabatamaa barreessuun barbaachisaa dha,’’ jetti ogeettiin kuni.
Qubee fi akkaataa barreeffamaa dogoggoruun na kuffisuu danda’a?
Akka Kokab jettutti, ‘’dogoggora qubee dhiisiitii, qajeelfamoota beeksisa irratti bahan hordofuu dhiisuun, jalqabumarraa dorgommiirraa nama baasuu danda’a’’ jetti.
Sababiinsaa qaamni qacaru, ‘’beeksisa sirnaan dubbisuufi hordofuu hin dandeessu taanaan, nu bira qacaramtee akkamiin hojii hojjechuu dandeessa jechuun si tilmaamuu mala,’’ jetti.
Dhimmi inni biraa, ‘’qaamni si qacaru Iyyata Hojii 500 dubbisu keessaa isa hawwataa taheef dursa kennuun dubbisa.’’
Kanaaf jalqabumarraa, dogoggora ‘’teessoo guutuu tahe keennuu dhiisuu, bilbilaafi odeeeffannoowwan murteessoo tahan kaa’uu dhiisuu, kana malees odeeeffannoo kanneen akka imeeliif maqaa masoo hojii idileef hin malleen yeroo barreefaman ni argina jetti.
Kanaaaf maqaan kan idilee fi imeeliin ogummaa kan madaalu otoo taheefi maqaa guutuu ofiin akka mul’atutti kan barreefame tahuutu filatama,’’ jetti.
Gama biraan barreeffama bareechuuf jecha qubee takka guddisuu, takka xiqqeessuun ni mul’ata jetti. Iyyata Hojii irraatti garuu barreefamni kan sadarkaasaa eeggate tahuu qaba. ‘’Mata duree gurraachessuun barbaachisaa yoo tahe qofa fayyadamuun ni danda’ama,’’ jetti.
‘’Yaada irra deddeebi’uun dogoggora yeroo baayyee mudatu dha. Qaamni qacaru barreefama fuula waraqaa baayyee dubbisuuf yeroo hin qabu. Kanaaf Iyyatni Hojii tokko fuula sadii darbuu hin qabu. Muuxannoo hojii baayyee qabaatanillee, kanneen ijoo tahan ibsa gaarii wajjin kaa’uu qabu,’’ jetti.
Dogoggorri seer-lugaa akka hin jiraannes Iyyata Hojii otoo hin galchiin dura nama biraa dubbisiisuun waan gorfamu dha jetti Kokab.
Gama biraan, iyyattoonnii Iyyata Hojii wajjin, Xalayaa Hojii qabsiisanii yeroo galchan xalayaa dhaabbata tokkoof ergan maqaasaa osoo hin geeddariin isa kaaniif erguun dogoggora irra deddeebiin mudatu akka tahe himti.
‘’Yeroo kanatti warreen qacaran cirumaa unuun yaadee miti kan iyyata kana galchaa jiru,’’ jechuu danda’u, kuni immoo qabxii hir’isiisuu mala jetti.
‘’Barreefama wal-borceefi Iyyata Hojii nama biraa irraa fudhatame galchuun odeeffannoo akka jallisuutti jalaa ilaalamuu malas,’’ jetti Kokab.
‘’Iyyatni Hojii adeemsa hojiif itti of gurgurtu dha malee hojii argachuu keef mirkana gatii hin taaneef, waan dhiyeessitu hunda haqummaadhaan tahuu qaba, sababiinsaas qaamni qacaru muuxannoofi sadarkaa barnoota kee kara gargaraan mirkaneessuu waan danda’uuf jechuu dha,’’ jetti.
Amalli koo akkuma dandeettii murteessaa dha?
Akka Kokab jettutti iyyattoonni gahumsa barnootaa fi muuxannoo qabaatanillee hojii tokkoof yeroo baayyee kan filatamu garuu,’’iyyataa gahumsa kanaan dabalata eenyummaa ykn amala hojii gaarii iyyataa horate dha,’’ jetti.
Sababiinsaas, fakkeenyaaf ‘kennamaa fi tattaaffii’ otoo hin qabaatiin hojii tokkoof bu’aa qabatamaa fiduu rakkisaa dha. Qaamni qacaru immoo adeemsa hojii keessa eenyummaa kana qabaachuu kee ni ilaala.
‘’Gahumsi barnootaa fi muuxannoo hojii nuu argamsiisuu danda’a taha, garuu kan itti nuu fufsiisu eenyummaa keenya dha’’ jetti.
Qabxiilee ijoo:
- Kooriin Miils Ingilaanditti daarektar dhaabbata Guddina Hojii Dhuunfaati, ogummaan ofii guddisuu irrattis gorsa ni kenniti. Qabxiilee ijoo Iyyata Hojii hawwataa barreessuuf gargaaranis akkasiin ibsiti.
- Hojii tokkoof, Iyyata Hojii tokko- barreefamni beeksisa hojii tokkoof ergitu kallattiin hojicha kan ilaallatu tahuu mirkaneessi malee Iyyata Hojii tokkoo hundaaf hin ergin.
- Ifaa fi salphaa godhi- jechiifi himni fayyadamtu salphaa,ifaafi kan dubbisaaf tolu tahuu qaba. Fuula sadiin gaditti xumuruuf yaali, gudunfaa ogummaa kee agarsiisu gara jalqabaarra kaa’uu hin dagatiin.
- Odeeffannoo dhaabbataa galchuu kee mirkaneessi- maqaa, teessoo imeeliifi bilbilaa akkasumas geessituu miidiyaa hawaasaa dhuunfaa hojii kee agarsiisu kaa’uun murteessaa dha. Suuraa galchuun yoo taatoo ykn moodeelii tahuuf dorgomta tahe malee hangas barbaachisaa miti.
- Of gurguri- hojii kana dura hojjetteef bu’aa qabatamaa argamsiiste eeri. Jechoota, hoggane, gabaase, bu’aa argamsise, nan uume, qopheesse, kalaqe jedhan fayyadami. Garuu kan jettu haqummaan tahuu qaba.
- Irra deddeebiin mirkaneessi – dogoggora dhibaawummaan mudaturraa of eegi. Iyyata kee barreessitee guyyaa tokko booda akka haaraatti ilaali, waayila ykn hiriyyaa amantus akka si ilaalan godhi.
Walqunamtisalabayegaridhaa
Kanafi walini awjenuu